Oduu: Itoophiyaan baatii lama keessatti lammiilee 28,000 Sa’uudii irraa gara biyyaatti deebifte

Darajjee Gonfaatin @DerejeGonfa

Finfinnee, Caamsaa 27/2022 – Ministeerri Dhimma Alaa Ityoophiyaa baatilee lamaan darban keessatti  lammiilee Itoophiyaa  28,000 ta’an  kanneen  manneen hidhaa Sa’uudii Arabiyaa keessatti rakkachaa turan  gara biyyaatti deebifamaniiru jedhe.

Lammiileen Itoophiyaa  manneen hidhaa Sa’uudii Arabiyaa addaa addaa keessatti argaman mootummaan akka gara biyyaa isaan deebisu gaafacha turuu isaani Addis Standard yeroo addaa addaa gabaasaa tureera

Mootummaan Itoophiyaas lammilee dararaaf saaxilaman kanneen gara biyyatti deebisuuf Koreen Godaantota Ityoophiyaa Sa’uudii irraa gara biyyaatti deebisuu hundeeffame hojjataa tureera.

Korichi Kamisa darbe, Caamsaa 26, 2022 raawwii hojii isaa kan madaale yoo ta’u, mootummaan godaantota gara biyyaa deebifaman keessummeessuuf wiirtuuwwan yeroof qophaa’an sagal kanneen bakka ciisaa,meeshaalee qulqullina dhuunfaa, fi nyaata dabalatee bakka yeroof keessa qubachuu danda’an  hundeessuun eerameera.

Kanaanis rakkoowwaan karoora deebisanii dhaabuu hojiirra oolchuu, qabiinsa ragaalee, fi harkifannaa meeshalee namoota deebi’anii wajjin walqabatan, akkasumas dhiibbaa dubartootaa fi dhiirota deebi’an wiirtuuwwan tokko keessatti keessummeessuun walqabtee mula’atan furuu irratti mari’atameera.

Deetaan Ministeera dhimma  fi Dura teessuun koree kanaa Ambaasaaddar Birtuukaan Ayyaanoo, hojiin lammiilee Ityoophiyaa Sa’uudii irraa gara biyyaatti deebisuu akkaataa sagantaa qabameen itti fufuu himte.

Baatiwwaan  7 hanga 11 keessattis godaantota Ityoophiyaa gara kuma 100 ta’an gara biyyaatti deebisuuf karoorfamuu kan  yaadachiiste Burtukaan, Qaamoleen dhimmi ilaallatu hunduu  ciminaan hojjechuun kaarooricha akka milkeessan dhamtee jirti.

Lammiilee Ityoophiyaa Taanzaaniyaa, Sudaan, Jibuutii, Somaaliyaa, Yaman, fi Omaan irraa gara biyyaatti deebisuuf karoorri qabamuu eeruun,  kun dippilomaasii lammiilee  giddu galeessa godhateef kutannoo mootummaan qabu ta’uu ibsiteerti

Koreen kun rakkoowwan karoora qaban kan milkeessuu  fi  adeemsa lammilee  biyyatti deebisuun wal qabatee mudatan irratti xiyyeffachuun barbaachisaa ta’uu cimsee ibseera.

Saawud Arabiyaan lammilee Itoophiyaa eeyyama hojii qabanis ta’ee hin qabne “Godaantota seeran alaa” jechuun tarkaanfii  hidhaa fi biyyaa har’uu irratti fudhachaa turtee jirti.

Lammiileen Itoophiyaa kumaataman lakkaa’aman  jireenya fooyya’aa barbaacha biyyaa bahuun manneen hidhaa biyya Saawudii, Yamanii  fi kanneen biroo keessatti dararaa fi sarbamni mirgaa namoomaa hedduun irra ga’aa jira.

Akka Gabaasa Bitootessa 30, 2022 Ejensiin Godaansa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, yeroo ammaa kana lammiileen Itoophiyaa gara 750,000 ta’an Saawidii keessa kan jiraatan yoo ta’u, gara 450,000 ta’an karaa sirrii hin taaneen gara san godaanuu akka hin oolle fi gara biyyaatti deebi’uuf gargaarsa akka isaan barbaachisu tilmaamameera.

Manni Maree Gamtaa Awurrooppaa gidiraa fi sarbama mirgoota namoomaa godaantota Ityoophiyaa manneen hidhaa Sawud Arabiyaa jiran irratti raawwatamaa jiru cimsee balaaleffachuun baatii Hagayyaa darbe murtee dabarsuun isaa ni yaadatama.

Kana malees Dhaabbileen mirga namoomaaf falmaan kanneen akka Aminstii Intarnaashinaal, Huuman Raayit Waach, fi dhaabbanni dhimma baqattootaa irratti hojjatu UNHCR anga’ootni Saa’udii gocha kanarraa akka dhaabbatuu fi mootumman Itoophiyaallee lammileef birmachuu akka qabu gaafataa turaniiru.

Erga Waggoota afran darbee as Walii galtee Itoophiyaa fi Saawud Arabiyaatiin lammiileen Itoophiyaa kuma 352tti dhiyaatan gara biyyaatti deebi’anii jiru.

Ejensiin Godaansa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, aatiwwaan dhufan keessa ammoo  godaantota Itoophiyaa 6,750 ta’an biyya waraanaan raafamaa jirtu Yaman irraa gara biyya isaaniitti dabarsuuf karoorsuu isaa beeksiseera. Ejensichi lammiilee kana gara biyya isaaniitti akka deebi’an gargaaruufis deeggarsa  dolaara miiliyoona 7.5 gaafateera.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.