Gaazexeessituu Sabboontuu Ahmad “ajaja qaama biraa irraa dhufe” jedhameen hidhamte; Waldaan Gaazexeessitoota Oromiyaa akka gadi lakkifamtu gaafateera

Naatinaa’eel Fiixeetin

Finfinnee: Gaazexeessituun FiB TV (Finfinne Integrated Broadcasting) kan taate Sabboontuu Ahmad sababa ammaaf hin beekamneen hidhamuun ishee gabaafame jira. Sabboontuun kaleessa galgala osoo hojiirraa baatee gara mana isheetti galaa jirtuu Poolisoota lamaan qabamtee gara waajjira Poolisii Magaalaa Finfinnee, Labuu naannoo addaa Muuziqaa Safar jedhamuutti geeffamuu Addis Standard hubateera. 

Daayirektarri Olaanaa Miidiyaa FiB kan ta’e Lammii Taayyee dhimma hidhamuu gaazexeessituu Sabboontuu Ahmad ilaalchisee yaada Addis Standardiif laateen, har’a ganama waajjira Poolisii dhaquun ishee akka dubbisee fi “ajaja qaama biraarra dhufeen” akka hidhamte Poolisoota irraa hubachuu hime. 

“Sabboontuun gaazexeessituu kutaa sagantaa bashannanaa FiB yoo taatu, kaleessa iddoo hojiishee ooltee galgala gara mana isheetti osoo galaa jirtu Poolisoota bulchiinsa magaalaa Finfinnee lamaan qabamte waajjira Poolisii Labuu Muuziqaa Safar jedhamutti geeffamte yeroo ammaa achi jirti,” jechuun haala itti qabamte kan ibsu Lammiin, “yeroo ishee gaafachuu dhaqnu karaarratti miseensota tika biyyaaleessaatin akka qabamte nutti himte” jedhe.   

Kana malees maaliifi eenyuun akka hidhamte yeroo gaafatan deebii quubsaa akka hin arganne hime. “Poolisoota bulchiinsa magaalaa Finfinneetti dhaqne maaliifi eenyuun akka hidhamte, akkasumas maaliif akka mana murtiitti hin dhiyeessine yeroo gaafannu ‘nuti isheerratti dhimma hin qabnu, qaama biraatu akka qabamtu ajaje, amma ni fudhatu jenne eegaa jirra’ nuun jedhan. Akka isheen qabamtu kan ajaje Poolisii Oromiyaa ta’uu akka maluus shakkii isaani nutti himaniiru,” jedhe Lammiin.  

Waldaan Gaazexeessitoota Oromiyaa gama isaatiin dhimma hidhamuu Gaazexeessituu Sabboontuu Ahimad ilaalchisee ibsa baaseen, gaazexeessituun sababa hin beekamneen ajaja mana murtii tokko malee qabamtee hidhamte hatattamaan akka gadi lakkifamtu gaafateera.
“Ogeeyyii miidiyaa ajaja mana murtii fi badii tokko malee halkan daandiirraa qabanii hidhuun sirna ijaarsa Dimokiraasii biyyi keenya eegalte irratti gufuu ta’uu isaa caalaa akka addunyaattis akka ogummaa kanattis fudhatama kan hinqabne waan ta’eef ogeeyyiin miidiyaa sodaa tokko malee hojiisaanii akka hojjatan gochuun dirqama mootummaati jennee amanna,” jedhe waldichi. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.