Mootummaan Gatii Boba’aa Tasgabbeessuuf Kasaaraan Birrii Biiliyoona 124 Irra Ga’uu Beeksise

Finfinnee- Yeroo amma Tarkaanfii mootummaan gatiin boba’aa tasgabbeessuuf taasisaa jiruun kisaaraan Birrii biiliyoona 124 ta’u akka irra ga’e Ministeerri Daldalaa fi hariiroo Naannolee beeksiseera.

Ministeerichi kana kan beeksise waltajjii raawwii Riifoormii Gabaa Boba’aa Ministeera Daldalaa fi tumsa waloo Naannoolee magaalaa Hawaasaatti qophaa’e irratti.

Ministirri Daldalaa fi hariiroo Naannolee Gebremesqel Chaalaa, rakkoo damee kana muudataa jiru haala itti fufiinsa qabuun furuuf rifoormii haraa, Sirna daldalaa ammayyeessuu hojirra olchuun barbaachisaa ta’uu erera.

Waltajjicharratti qooda fudhattootni damichaa qormaata dhiyeessii fi raabsaa boba’aa ilaalchisee wixinee dhiyate irratti mari’achuun, akkataa adeemsa hojiirra oolmaa isaa milkeessuu fi bu’aa qabeessa taasisuun danda’amu irratti mari’ataniiru.

Riifoormiin ministeerichi qopheesse sirna daldalaa damee kanaa gara sirna daldalaa idil-addunyaatti jijjiiruuf kan qophaa’e ta’uunis ibsameera.

Rakkoon dhiyeessii boba’aa yeroo yeroon mudatu hammaataa dhufuun magoolata biyyatti hedduu keessatti tajaajila geejjibaa irratti dhiibbaa guddaa qaqqabsiisaa jira.Kanaan wal qabatees hawaasni rakkoo geejjibaa cimaa ta’eef saaxilamaa jira.

Daballiin gatii boba’aa guutuu Adduunyaa irratti rakkoo cimaa ta’ aa dhufunis, rakkoo dinagdee wal xaxaa geessisa jira.
Ministirri daldalaa Itoophiyaa garuu dhiyeessi boba’aa irratti hanqinni kan umameef sababa daldaaltootni seeran ala boba’aa dhoksaniif ta’uu ibsaa tureera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.