Oduu: UN lammiilee Itoophiyaa Yaman keessatti qabamanii jiran 6,000 ol biyya isaaniitti dabarsuufi

Finfinnee – Ejensiin Godaansa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, godaantota Itoophiyaa 6,750 ta’an ji’oota dhufan keessatti biyya waraanaan raafamaa jirtu Yaman irraa gara biyya isaaniitti dabarsuuf karoorsuu isaa beeksiseera. Ejensichi lammiilee kana gara biyya isaaniitti akka deebi’an gargaaruuf dolaara miiliyoona 7.5 akka kennamu gaafateera.

Dhaabbata godaatota idil addunyaa kun bara kana daa’imman 60 dabalatee godaantota 600 ol balalii sadiin gara Itoophiyaa deebisuu beeksiseera. Magaalaa kibba Yamanitti argamtu Eden fi magaalaa guddoo Itoophiyaa Finfinnee giddu balalii dabalataa gochuuf karoorfamanii akka turanis eereera. 

Yamanitti Hoggantuu Ergama Dhaabbata Godaantota Idil addunyaa kan taate Kristaa Rotanistaayinar, “Godaantota Yaman keessa darban ykn qaxxaamuran kanneen haala qabiinsa namoomaa biyyattii keessa hammaachaa dhufeen miidhaman keessa muraasadha” jette.  

Wal-waraansi Yaman keessa jiru akka godaantotni gara biyyattii hin seenne hin dhorkine. Godaatotni kun Yaman keessa qaxxaamuranii gara biyya ollaa Saa’udi Arabiyaa seenuun hojiilee humnaa adda addaa barbaachuuf abdatanii godaanu.   

Bara darbe keessa godaatotni 27,700 ta’an Gaanfa Afrikaa irraa gara Yaman godaanuu isaani Dhaabbata Godaantota Idil addunyaa (IOM) beeksiseera. 

Yaman bara 2014 irraa eegalee wal waraansa finciltoota garee Huutii jedhamanii fi mootummaa biyyatti giddu godhamaa jiruun raafamaa jirti. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.