Hojii kalaqaa barataan kutaa 8ffaa hojjateen jiraattotni Ganda isaa fayyadamtoota ibsa ta’an

Finfinnee, Caamsaa 25/2022- Godina Booranaa Aanaa Waacillee Ganda Weebiitti barataan Kutaa 8ffaa kan ta’e  Aadam Huseen kalaqa isaatin humna ibsaa maddisiisuun, ganda keessa jiraatuuf tajaajila ibsaa dhiyeessaa jira.

Aadam Mana Barumsaa Tulaa Weebii Sadarkaa 1ffaatti kutaa 8ffaa barata. Fedhii fi Kaka’umsaa hojii kalaqaaf qabuurraa, hojii kalaqaa addaa addaa kan yaalu Aadam asiin duras hojii kalaqaa akka Xayyaaraa balaliisuu, meeshaalee qilleensa qabbanessuu fi kanneen biroo hojjachuu  dubbata.

Aadam hojii baayoogaasii ganda  isaatti dhoqqee beeladootaa irra hojjatamu ka’umsa godhachuun, kalaqa mataa isaa itti dabalee humna ibsaa maddisiisuun jirattotaaf tajaajila kennaa jira.

Yeroo ammas, maatii isaa dabalatee  namoota ganda isaa, walumaatti manneen jireenyaa 16 oliif Sararaa diriirsee fayyadamtoota ibsaa taasiseera.Tajaajila hawaasaf dhiyeessaa jiru kana irraayyis ji’atti hanga  birrii kuma 1 fi 600 argachaa jiraachu himeera.Waajjirri Bishaaniif Inarjii Godina Booranaa hojiin kalaqaa barataa Aadam qorannoon kan deeggarame yoo ta’e bu’aa caalu waan argamsiisuuf, tumsa barbaachisu taasisuuf kan hojjatu ta’uu beeksiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.