Qondaalli Olaanaa ABO Koloneel Gammachuu Ayyaanaa Turtii Hidhaa Waggaa Lamatti Dhiyaatu Booda Mana Hidhaati Ba’e

Siyaanne Makonnin tiin 

Finfinnee  – Qondaalli olaanaan Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Koloneel Gammachuu Ayyaanaa hidhaa gara  waggaa lamaatti siqu booda har’a gadhiifame gara maatii isaatti makamuu maddeen gabaasaniiru.

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa oolmaa guyyaa kaleessaatin qondaala  olaanaa Adda Bilisummaa Oromoo keessaa tokko kan ta’an Koloneel Gemechuu Ayyaanaa hidhaa irraa akka hiikamu, boodas to’annoo poolisii jalaa akka gadhiifamu ajajeera. Haa ta’uu malee har’a ganama adeemsi gadi dhiisuu isaa akka raawwatetu himame.

Koloneel Gammachuun, duras hidhamee kan hidhaa ba’e yoo ta’u baatii Adoolessaa bara 2020 keessa ammoo ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa booda  himanti  shororkeessummaa erga itti dhiyaate booda deebi’ee to’annoo jala oole. 

Caamsaa 19 bara 2021,  Koloneel Gammachuu fi namoota dhuunfaa kudha sadii biroo manni murtii olaanaa Federaalaa 3ffaa Farra Shororkeessummaa fi Dhaddacha Heeraa erga  bilisa baasee akka gadhiifaman ajajee, booda humnoota nageenyaatiin fudhataman.

Mirgi wabii mana murtiin irra deddeebiin eegamuufiyyuu, maatii fi abukaatonni isaa osoo hin beekin gara manneen  hidhaa idilee fi al-idilee 18 ol ta’anitti dabarfamee hidhamuun mana hidhaatti hafee jedhu abukattootni isaa.

Ji’a Guraandhalaa bara darbe keessa gara kutaa hidhamtoota gidduutti waldhabdee yeroo hunda taasifamuun beekamutti jijjiiramee ture.

Hoggantoonni Kongiresii Federaalawaa Oromoo Jawaar Mohaammad fi Bekele Gerbaa Koloneel Gemechuu gara kutaa mana hidhaa nageenya qabutti akka jijjiiramu gaafachuun nyaata lagatanii turan.

Sadaasa 29, 2021 Koloneel Gammachuu bilisa bahee ji’a jaha booda abbaan alangaa ol’iyyannoo dhiheessuun Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhiyaate. Adeemsi mana murtii, himatamtoota galmee koloneel Gammachuu Ayyaanaa jala jiranii, mana murtii irraa hafuu abbootii seeraa dabalatee bu’aa ba’iin kan guutame ture. 

Dhaddachoota walitti aanan booda, Gurraandhala 9  bara kana abukaatootni himatamtootaa sarbiinsi mirga namoomaa hidhamtoota irra gaheera, kana malees poolisii fi abbaan alangaa ajaja mana murtii hin kabajan jechuun himata dhiyeessanii hordofee Manni murtii Waliigalaa Federaalaa dhaddacha Guraandhala 9 ooleen galmee Koloneel Gammachuu Ayyaanaa fi kanneen biroo afur akka cufamu murteesse. Haata’u malee manni murtichi “eenyu akka hidhe hin beekamu” jechuun mana hidhaatti akka tursiifaman murteesse. 

Himatamtoota shan galmee himata kana keessa jiran keessaa sadi Kiisuu Qixxumaa, Usmaan Hasan fi Lammeessaa Taakkalaa hidhaarra kan hiikaman ta’uus himatni isaani murtii eeggachaa ture. Akkasumas himatamaan tokko, Amaanu’eel Ijjiguu Margaa humnoota nageenya mootummaatin ajjeefamu Itti gaafatamaa sab-qunnamtii Yeroo ABO kan ta’e Lammii Gammachuu himeera.

Himatni Koloneel Gammachuu Ayyaanaa faa Abbaan Alangaa murtoo Manni Murtii Waliigalaa hanga Abbaan Alangaan qorannoo isaa fixuutti galmichi akka ugguramu murteesse mormuun ol iyyannoo dhiyeessuu hordofee Wiixata darbe Dhaddacha Ijibbaataatti dhiyaate ture. 

Abbaan Alangaa ajjeechaa Amaanu’eel Ijjiguu irratti ibsa akka laatu ajajame ture. Kana malees Manni Murtichi, Komishiniin Poolisii Oromiyaa Caamsaa 23 mana murtiitti dhiyaate haala hidhaa Kol. Gammachuu Ayyaanaa irratti ibsa akka kennu ajaja dabarse ture. Haata’u malee Komishiniin Poolisii akkaataa ajaja mana murtiitin bakka bu’oota isaa osoo hin ergiin hafeera. 

Kanaan dura Poolisiin Federaalaa Koloneel Gammachuu irratti himata tokkollee akka hin qabneefi bakka Poolisii Oromiyaa bu’uun hidhaatti isa tursiisaa akka jiru mana murtiitti ibseera. Manni Murtichis dhaddacha kaleessa ooleen Koloneel Gammachuun hidhaa irraa akka hiikamu ajajeera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.