Dhaabbatni Albuudaa KEFI maallaqa Birrii biiliyoona 1.8 walitti qabuuf murteesse

Finfinnee: Abbootiin Aksiyoonaa dhaabbata albuudaa fi misooma Warqee KEFI, daballii kaappitaala dhaabbatichaaf gara birrii biiliyoona 1.8 hayyamuu isaani ibsame. Akka ibsa torbe darbe kenname mul’isutti, Maallaqni kun pirojektii dhaabbatichaa kan Tulluu Kaappii fi pirojektoota Sa’uud Arabiyaa biroo lamatti akka dabalamuuf kan yaadameedha.

Iddoo oomisha Warqee Tulluu Kaappii waliin walqabatee, maallaqni eerame qaama maallaqa waliigalaa guddaa birrii biiliyoona 1.8 yoo ta’u, dhaabbatichi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin Afrikaa Kibbaatti erga mari’ateen booda maallaqa waliigalaa kana ramade.

Misoomawwan jalqabaa naannawa Tulluu Kaappii keessatti taasifaman sagantaalee hawaasaan walqabatan, injinariingii, fi sochii  ijaarsa jalqabaa irratti qofa kan daangeeffame akka ta’e ibsichi eereera. KEFIn, pirojektiin Tulluu Kaappii qooda fudhattoonni idil addunyaa hangam Itoophiyaa keessatti invastimantii irratti hirmaachuuf fedhii akka qaban ragaa kan ta’uu fi iddoo pirojektichaaf kennamu ilaalchisee uummata naannichaa fi mootummaa irratti kan hundaa’e akka ta’ellee ibseera. 

Dhaabbatichi wayita gara oomishatti galu Warqee dolaara miiliyoona 250 baasu gara alaatti erguu fi hojjattoota kuma tokko hawaasa naannicharraa babbahan qabaachuuf akka eegu beeksiseera, KEFIn. 

Albuudni Warqee Tulluu Kaappii Godina Wallagga Lixaa naannawa magaalaa Ayiraa Gullisootti kan argamu yoo ta’u, dhaabbata Albuuda baasu KEFI jedhamuun pirojeektii hojjatamudha. KEFIn oomisha fi misooma Warqee irratti Ministeerri Albuudaa Itoophiyaa irraa eeyyama argachuun gara hojiitti galuufi.

Kanaan dura Ministeerri Albuudaa Itoophiyaa dhaabbatichi hojii Albuuda warqee Tulluu Kaappiif (TKGM) haal-duree fi maallaqa barbaachisu hunda xumarachuun hanga baatii Amajjii 31, 2022tti gara hojiitti akka seenu carraa dhumaa kennuufi beeksise ture. Dhaabbatichi baatii darbe keessa ijaarsi eegalamuun dura eegumsa nageenyaa cimsuuf maallaqa dolaara miliyoona 10 oliin shallagamu walitti qabu beeksise ture. Dhuma kurmaana bara faayinaansii kana irratti guutummaan pirojeektii jalqabsiisuuf karoorfamuus ibsameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.