Oduu: Manni Murtiin Qondaala Olaanaa ABO Koloneel Gammachuu Ayyaanaa akka hiikamu ajajus Poolisiin osoo hin gadhiisiin hafe

Siyaannee Mokonniniin 

Finfinnee – Manni Murtii Federaalaa Qondaala Olaanaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Koloneel Gammachuu Ayyaanaa hidhaa irraa akka hiikamu ajajuus hanga oduun kun qindaa’utti Poolisiin osoo hin gadhiisiin mana hidhaatti tursiisu Addis Standard mirkaneesseera. Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa oolmaa guyyaa har’aatin Koloneel Gammachuu Ayyaanaan mana hidhaa irraa akka hiikamu ajaja dabarse ture..

Koloneel Gammachuu Ayyaanaan erga Manni Murtii Federaalaa dhaddacha Guraandhala 9 ooleen “eenyu akka hidhe hin beekamu” jedhee galmee himannaa cufuun hidhaa keessa akka turu murteesse baatii sadi booda, Caamsaa 19 Mana Murtii Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataatti dhiyaate ture.    

Himatamtoota shan galmee himata kana keessa jiran keessaa sadi Kiisuu Qixxumaa, Usmaan Hasan fi Lammeessaa Taakkalaa hidhaarra kan hiikaman ta’uus himatni isaani murtii eeggachaa ture. Akkasumas himatamaan tokko, Amaanu’eel Ijjiguu Margaa humnoota nageenya mootummaatin ajjeefamu Itti gaafatamaa sab-qunnamtii Yeroo ABO kan ta’e Lammii Gammachuu himeera. 

Himatamtootni shanan kun hoggantoota olaanoo ABO 12 baatii Caamsaa bara darbe keessa Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddacha Farra Shororkeessummaa fi Heera mootummaa 3ffaatti himatni itti baname keessaa argamu. Haata’u malee hidhaarra kan jiru Koloneel Gammachuu qofadha. 

Manni Murtii akka inni hiikamu yeroo ajaju kun isa lammaffaati

Olmaa dhaddacha Caamsaa 19 bara kanaa, Abbaan Alangaa ajjeechaa Amaanu’eel Ijjiguu irratti ibsa akka laatu ajajame ture. Kana malees Manni Murtichi, Komishiniin Poolisii Oromiyaa Caamsaa 23 mana murtiitti dhiyaate haala hidhaa Kol. Gammachuu Ayyaanaa irratti ibsa akka kennu ajaja dabarse ture.

Kanaan dura Poolisiin Federaalaa Koloneel Gammachuu irratti himata tokkollee akka hin qabneefi bakka Poolisii Oromiyaa bu’uun hidhaatti isa tursiisaa akka jiru mana murtiitti ibseera. Manni Murtichis dhaddacha har’a ooleen Koloneel Gammachuun hidhaa irraa akka hiikamu ajajeera. 

Manni Murtii akka inni hiikamu yeroo ajaju kun isa lammaffaati. Baatii Caamsaa bara darbe, Manni Murtii bilisa isa baasuu isaa hordofee yeroo bahaa jiru mana hidhaa federaalaa Qilinxoo fuuldura miseensota Poolisii Oromiyaatin fudhatame irra deebiin hidhame. Sana booda baatii jahaf osoo mana murtiitti hin dhiyaatiin Qajeelcha Poolisii Galaan fi Kaampii Loltummaa Awaash Malkaa, akkasumas bakkeewwan birootti hidhaa keessa tureera. Kana malees Sadaasa 19 bara darbe irraa eegalee bakka lukkuun itti horsiifamutti hidhame akka ture mana murtii federaalaatti himeera. 

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasa haaraa Caamsaa 19 baaseen, hoggantoota olaanoo ABO Naannoo Oromiyaa keessatti qajeelcha poolisii garagaraa keessa hidhamu isaani ilaalchisee hordoffii taasiseen “seeraan ala hidhamu isaani mirkaneesseera,” jedhe. AS  

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.