Itoophiyaan biyyoota addunyaa irraa lakkoofsa buqqaatota biyya keessaa (IDP) olaanaa galmeessite taate

Finfinnee: Akka gabaasni haaraan Wiirtuu hordoffii  Buqqa’iinsa Biyya Keessaa (IDMC) irra ba’e mul’isutti,  bara 2021tti Itoophiyaan biyyoota addunyaa kamirrayyuu caalaa  buqqaatota biyya keessaa (IDP) olaanaa galmeessiste.

Akka gabaasni idil addunyaa IDMC bara 2022,  Kamisa darbe bahe ibsutti waraana fi walitti bu’iinsa biyyattii keessatti uumame kan bara 2020 ture irraa dachaa sadiin dabaluun bara 2021 keessatti buqqaatii haaraa miiliyoona 5.1 akka galmaa’u taasiseera. Kunis biyyoota addunyaa mara irraa lakkoofsa waggaa tokkoo keessatti biyya tokkotti galmaa’e  isa olaanaadha. 

“Lakkoofsa buqqaatota kanneen keessaa baay’een isaa sababa waraanni kaabatti adeemsifamaa tureen kan uumame yoo ta’u, walitti bu’iinsa naannolee birootti uumamanis buqqa’iinsa guddaa uumaniiru,” jedha gabaasichi. 

Akka dhaabbatni IDMC gabaasetti, guutuu Itoophiyaatti uummata miiliyoona 4.2 ta’an qe’ee isaanirraa kan buqqa’an yoo ta’u, kanneen keessaa harka 80 kan ta’an sababa waraana fi walitti bu’iinsaan uumaman.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.