Oduu: Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad Aangoosaa Marsaa Lammaffaatti Federaalizimii Irratti Xiyyeeffachuuf Waadaa Gale

Finfinnee, Caamsaa 20/2022- Pirezidaantii Somaaliyaa haaraan, Hasan Sheek Mohaammad, mootummaan isaa tika odeeffannoo jabaa fi sirna qabeessa ta’e ijaaruufi qaama mootummaa Federaalaa waliin dhimma nageenyaa irratti hojjatu kamuu waliin waltumsuun nageenya Moqdishoo mirkaneessuf akka hojjatu ibse. 

Af-gaaffii Roobii darbe VOA waliin taasiseen, guyyoota jalqabaa 100 keessatti mootummaan isaa nageenya, tasgabbii siyaasaa fi dandamannaa diinagdee irratti xiyyeeffannoon akka hojjatu fi  kana milkeessuuf hojimaata seeraa akka kaa’uu himeera.    

Kana malees, seerota biyyattiif murteessoo ta’an baasuun liqii IMF fi Baankii Addunyaa irraa haqsiisuu irratti akka xiyyeeffatanis ibseera. 

Sirna federaalaa bu’uura godhachuun ijaaramoota nageenyaa fi dhaabbilee akka fooyyeessus himeera, Pirezidaant Hasan Sheek. 

“Dhaabbileen keenya ammallee hojmaata mootummaa giddu galeessaan kan ijaaramaniidha” kan jedhe Pirezidaantichi, itti dabaluun “Dhaabbilee barbaachisoo ta’an federaalawaa gochuuf mootummoota federaalaa fi naannoo gidduu waliigaltee guutuu ni uumna” jedhe.  

Pirezidaantii haaraan kun, dhuma bara aangoo isaarratti Somaaliyaatti filannoo hunda galeessa mirkaneessuuf akka hojjatu himeera. Bulchiinsi isaa sirna filannoo uummatni irratti waliigaluu fi adeemsa filannoo al-kallattii inni ittiin filatame irraa adda ta’e akka diriirfamuus himeera.    

Mohaammad Sheek, Dilbata darbe magaalaa guddoo biyyatti Moqdishootti Pirezidaantii duraanii biyyattii Mohaammad Abdullaahi Mohaammad kan Farmaajoo jedhamuun beekamu injifachuun ture miseensota mana maree Somaaliyaatin kan filatame.  

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.