Ajjeechaa Dubartii Ulfaa, Abbaa Manaa Ishee Humnootni Mootummaa Raawwatan hordofuun, Dhiittaan Mirga Namoomaa Raawwataman Akka Qoratamu OLLAA’n Gaafate

Finfinnee, Caamsaa 20/2022– Waldaan Hooggansa fi Abukaatummaa Oromoo OLLAA’n  Ameerikaa, Yunaayitid Kiingidam , Gamtaa Awurooppaa fi Gamtaan Afrikaa dabalatee hawaasni  idil addunyaa dhiittaa mirga namoomaa Itoophiyaa naannoo Oromiyaa  keessatti raawwatame irratti qorannoo hatattamaa akka gaggeessu waamicha dhiheessaa jira. 

Kunis Godina Shawa, Lixaa Magaalaa Kaachisiitti cidha irratti miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaatiin dubartii ulfaa Gannat Birrii fi abbaa warraa ishee Geetachoo Kiisii seeran ala ajjeefamuu hordofeeti.

Ibsichi, ajjeechaan maatii  kanaa ‘dhukaasa miseensonni  Raayyaa Ittisa Biyyaa cidha magaalaa  Kaachisii keessatti gaggeeffame irratti bananiini’ jedheera. Kunis haala mirga namoomaa naannicha keessa jiru kan agarsiisu ta’uu waldichi ibseera. Waldhabdee  mootummaa federaalaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti ta’aa jiru kan mootummaan ‘Shanee’ jedhee waamu irraa kan dhufedha. Akka  ibsichatti  waldhabdee  kanaan walqabatee, namoonni naannichaa ‘WBO waliin hidhata qabu’ jedhamuun xiyyeeffatamaa akka jiran ibseera.

OLLAA’n  taateewwan armaan olitti ibsaman ilaalchisee qorannoon akka gaggeeffamu gaafachuu bira darbees, dippilomaatotni biyya alaa biyyattii keessa jiran qabeenya harka isaanii jirutti fayyadamuun, marii hunda hammate akka mijeessan gaafateera.

Kana malees, OLLAA’n xiyyeeffannoon idil-addunyaa waraana kaaba Itoophiyaa bara 2020tti akeekame jechuun, dhimmootni naannoo Oromiyaa  sadarkaa idil-addunyaatti akka hin mul’anne ibseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.