Oduu: Hoggantootni ABO Seeraan Ala Hidhamanii Dararaan irra gahuu KMNI mirkaneesse

Finfinnee, Caamsaa 20/2022- Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) gabaasa qorannoo dhimma hoggantoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) qajeelcha poolisii Oromiyaa garagaraa keessatti hidhamanii jiran irratti godhaa ture ifa godheera. Gabaasichi hoggantoota fi miseensota ABO heddu “seeraan ala hidhamanii akka jiran” mirkaneesseera.  

Gabaasni KMNI kun, ABOn irra deddeebiin hoggantootni isaa akka hiikamanii gaafachuu fi yeroo hidhaa irra jiran poolisootaan dararaan akka irra gahee mirkaneesseera.  

Hoggantootni kun baatii Guraandhala keessa hidhaa seeraan ala mormuun lagannaa nyaataa torban tokko oliif taasisaniin rakkoon fayyaa isaan muudateera. Maatiin isaani waliin akka wal hin argine dhorkamaniiru. 

Akka gabaasichi jedhutti, komishinichi hidhamtootni kanneen manni murtiin wabiin akka gadhiifaman murtaa’ef, galmeen himannaa isaani cufamee murtoo mana murtiin bilisaan kan gaggeeffaman, himannaan tokkollee kan irratti hin dhiyaanne fi Abbaan Alangaa himannaa akka irratti hin banne mirkanaa’e galmeen qorannoo isaani kan cufame daawwateera. “Haata’u malee turtii ji’ootaa hanga waggaa 2 ta’uuf bakka garagaraatti naanna’uun seeraan ala hidhaarra kan jiranii fi muraasni isaanis qabiinsa sirri hin taane fi reebicha adeemsa hidhaa irratti isaanirra gaheen miidhaa qaamaa fi rakkoo fayyaaf  saaxilamuu isaanii hubateera.” jedhe KMNI.

Komishinichi iyyannoowwan Paartichaa fi maatii hidhamtoota irraa dhiyaatan bu’uura godhachuun Bitootessa 08 hanga 19, 2022 daawwannaa taasisu ibse. 

Haaluma kanaan, gareen KMNI Qajeelcha Poolisii magaalaa Buraayyuu, Galaan fi Sabbataatti qaamaan argamuun hidhamtoota, hoggantoota qajeelcha poolisii, Komishinii Poolisii Oromiyaa fi bakka bu’oota Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa dubbiseera. Akkasumas hidhamtoota kana ilaalchisee murtoowwan, ajajoota mana murtii fi abbaa alangaatin kennaman, akkasumas ragaalee mana yaalaa ilaaleera.

Komishinichi, hoggantoota paartichaa Qajeelcha Poolisii Buraayyuutti hidhamanii argaman, Mikaa’el Boranaa, Kennasaa Ayyaanaa, Dr. Gadaa Oljiraa, Daawit Abdataa, Lammii Beenyaa, Gadaa Gabbisaa dubbiseera. Kana malees Koloneel Gammachuu Ayyaanaan Waajjira Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa, akkasumas Abdii Raggaasaan ammoo magaalaa Galaanitti Kaampii Poolisii Addaa Naannoo Oromiyaa keessa hidhamanii akka argaman maatii fi abukaatota isaanirraa mirkaneesseera. Akkasumas, Battee Urgeessaan ammoo sababa dhibee osoo hidhaarra jiru isa mudateen wabiin eeyyamameefi dhaabbata fayyaa tokkotti wal’aansarra akka ture ibseera, Komishinichi.

Komishinarri Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Dr. Daani’eel Baqqalaa, “Hoggantootni ABO yeroo dheeraaf seeraan ala hidhamanii  jiru waan ta’eef atattamaan hidhaa hiikamuu fi miidhaa irra gaheef ammoo beenyaa argachuu qabu. Kana malees, murtoowwan mana murtii fi abbaa alangaa irra deddeebiin cabanii hidhamtootni seeraan ala hidhaa yeroo dheeraaf saaxilamu isaani aangoo seeran ala  fayyadamu waan ta’eef Mootummaan Naannoo Oromiyaa qorannoo atattamaa gaggeessee tarkaanfii sirrii ta’e fudhachu qaba” jedhe.

Haaluma walfakkaatuun, Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatti Komishinarri Siivilii, Siyaasaa, Diinagdee fi Hawaasummaa kan ta’e Dr. Abdii Jibriil gama isaatin, hidhamtootni kun hoggantoota paartii siyaasaa waan ta’anii fi hojii tajaajila uummata hojjataniin sarbiinsa mirga namoomaaf akka hin saaxilamne eegumsi taasifamuufi akka qabu hubachiiseera. Haata’u malee, “gochaan faallaa ta’uun isaa baay’ee gaddisiisaa” jechuun, dhimmichi furmaata ariifachiisaa akka barbaadu hubachiiseera.

Komishinichi, “Hidhamtootni seeraan ala hidhamanii jiran atattamaan akka hiikaman” Komishiniin Poolisii Naannoo Oromiyaa haala akka mijeessu waamicha dhiyeesseera. Akkasumas kanneen himannaan osoo irratti hin dhiyaatiin hidhaarra jiran ammoo himannaan qabatamaa yoo irratti hin dhiyaatu ta’e hiikamu akka qaban hubachiiseera. 

Komishinichi “Humnoota poolisii fi nageenyaa hundu ajaja mana murtii fi abbaa alangaa akka kabajanii fi raawwachiisan” akkasumas “miseensota humna nageenyaa fi hoggantoota naannoo Oromiyaa keessatti hidhamtoota irratti reebicha geessisan qoratee tarkaanfii sirrii ta’e akka fudhatuufi itti gaafatamummaa akka mirkaneessu” mootummaa naannichaaf waamicha dhiyeesseera. Hidhamtoota to’annoo Poolisii jala jiran “dararaa irra gaheef” beenyaan akka kennamuufis  gaafateera. 

Dhimma hidhaa kana ilaalchisee gabaasa Addis Standard

Guraandhala 9 bara kanaa, Manni murtii Waliigalaa Federaalaa galmee Koloneel Gammachuu Ayyaana fi kanneen biroo afur akka cufamu murteesse. Murtiin kun kan murtaa’e erga abukaattootni hidhamtootaa sarbiinsi mirga namoomaa hidhamtoota irra gahera, kana malees poolisii fi abbaan alaangaa ajaja mana murtii hin  kabajan jechuun himata dhiyeessani booda. Himatamtoota galmee kana jala jiran keessa namni sadi mana murtiitti dhiyaatanii jiru, garuu namootni lamaan hafan eessa akka jiran hin beekamu jechuun abukaatoon isaanii Milkiyaas Bulchaa Addis Standarditti hime.

Sadaasa bara darbe Abbaan Alangaa, galmee Gammachuu Ayyaanaa fi kanneen biroo 13, himata manni murtii bilisa isaan baasee ture irratti ji’a jaha booda ol iyyannoo gaafate. Abbaan Alangaa ajaja Mana Murtii Olaanaa darbe haqsiisuuf Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti ol iyyannoo dhiyeesse. Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ragaalee abbaa alangaa haasaa bilbilaa waraabame labsii 1176/2012 bu’uureffachuun kufaa taasise.

Beellamoota itti aananitti abukaatotni sababa hidhaa seeraan alaa fi erga hiikamanii deebi’anii hidhamuun sarbiinsa mirga namoomaa himatamtoota irra gahe ilaachisuun mana murtiitiif himata dhiyeessanii jedha Milkiyaas. Kana malees abukaattotni himatamtoota adeemsa abbaan alangaa fi poolisiin, maamila isaanii ji’a ja’aa oliif ajaja mana murtii diduun hidhaa keessa tursan irratti komii qaban mana murtiitti dhiyeessuu himeera.

Abukaattotni Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa dhiittaa mirga namoomaa himatamtoota irra gahaa ture dhaabsisuu dadhabuun itti gafatamummaa isaa bahachuu dadhabe jechuun himatan. “Maamilootni keenya akka bilisa ta’an gaafanna. Maamilootni keenya seeran ala hidhamuu qofa osoo hin taanee abukaattota isaanii waliin akka wal hin argine dhorkamaniiru,” jedhe.

Abukaattotni hidhamtootaa maamilootni isaani hiikamanii himata isaanii ala taa’anii akka hordofan gaafachuu kan dubbate Milkiyaas, walabummaa mana murtii irraa shakkii qabu ibse. Gareen abukaatoo qaamoleen sirna haqaa keessa jiran hundi Abbaa Alangaa Federaalaa irraa kaasee hanga Poolisiitti seera yakkaa akkasumas seera hariiroo hawaasatiin akka gaafachuu ibseera, Milkiyaas. 

Sana booda Abbootiin Seeraa ol iyyannoo Abbaa Alangaa ugguruun himata sarbama mirga namoomaatiif Abbaan Alangaa ibsa akka kennu fi himannaa sarbama mirga namoomaa dhiyaate irratti qorannoon akka gaggeeffamu ajaje. Haa ta’u malee manni murtii “himatamtoota eenyu akka hidhe waan hin beekneef” himatamtootni mana hidhaa akka turan murteesse jedha Milkiyaas.

“Manni murtii eenyu akka himatamtoota hidhe wallaaluun isaa nama dhiba. Komii keenya koree bulchiinsa abbootii seeraatti ni dhiyeeffanna.”jedha Milkiyaas. Dabaluunis, “Maamilootni keenya, manneen hidhaa seeraan alaa dabalatee manneen hidhaa hedduutti geeffamanii jiru, amma garuu waajjira Poolisii Federaalaatti hidhamanii jiru. Abbootiin seeraa erga galmicha cufanii booda maamiloota keenya maaliif akka hin hiikiin hin beeknu.” jedhe.

Abbootiin murtii beellamas ta’ee yeroo abbaan alangaa qorannoo sarbama mirga namoomaa itti dhiyeessuu hin ibsine jedhe Milkiyaas. Dabaluunis “Adeemsi kun seera biyyattiis ta’ee kan idil addunyaa kan cabse fi adabbii naamusaa kan qabu.” Abukaattotni maamiloota waliin erga mari’atanii booda ol iyyannoo  koree bulchiinsa abbotii seeraatti yookan Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaatatti ni dhiyyessina jedha.

Oolmaa mana murtii booda himatamtootni mana hidhaa Poolisii Federaalaatti iddoo ji’oota darbaniif itti hidhamanitti deebifamanii jiru.

Adeemsi mana murtii, himatamtoota galmee koloneel Gammachuu Ayyaanaa jala jiranii, erga Sadaasatti galmeen irra deebiin baname booda mana murtii irraa hafuu abbootii seeraa dabalatee bu’aa ba’iin kan guutame ture. Beellamootni baay’een si’a baay’ee dabarfamanii jiru. Koloneel Gammachuun himannaa irratti dhiyaaterraa bilisa erga jedhame booda yeroo jalqabaaf mana murtiitti yeroo dhiyaatu abukaatoon isaanii waan quba hin qabneef abukaatota isaa ala mana murtii dhiyaachuuf dirqameera. Beellama guyyaa itti aanuutti dabarfamuus Poolisiin guyyaa jedhametti Koloneel Gammachuu mana murtiitti hin dhiyeessine.

Kanaan dura hidhame bilisaan kan gadhiifame Koloneel Gammachuun, ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa  booda Adooleessa,2020 yeroo lammaffaaf hidhame himanni shororkeessummaa irratti baname. Erga hidhamee adeemsa mana murtii wal xaxaa keessa kan darbee fi  yeroo baay’ee mana murtiitin hiikamus deebi’ee hidhamuun  manneen hidhaa seeraan alaa dabalatee manneen hidhaa seera qabeessa keessatti ji’oota 18 tiif hidhamee jira jedha Milkiyaas. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.