Oduu: Gaazexeessaa Muhayaddiin Abdullaahi, Wabiin Hiikame

Iteenash Abbarraatiin 

Finfinnee, Caamsaa 20/2022- Miidiyaa Hararii, Ejeenisii Sab-quunnamtii Naannoo Hararii keessatti Gulaalaa fi Gaazexeessaan Afaan Oromoo Muhayaddiin Abdullaahi,turtii guyyaa sagalii booda kaleessa wabiidhaan hiikame.Muhayaddiin ‘Dhugaa gabaasuu’ kootiin doorsifamaan ture jechuun Addis Standarditti hime. 

Akka Muhayaddiin jedhutti hidhaan isaa doorsisa irra gahaa ture wajjiin walqabata. Dhimma Gondaritti uumame irratti Majiliisni cimuu qaba yaada jedhu fuula Feesbuukii irratti maxxanse sababa godhachuun na hidhan jedhe. 

“Poolisiin Qoratu fi Abbaan Alangaa biiroo na geessanii kana booda Feesbuuki irratti akkan hin barreessine natti himaanii wabii qarshii 2000’n gadi na lakkisan”jedhe. Muhayaddiin garmalee akka doorsifame dubbata, “Kana booda waa maxxansita taanan jireenya keeti fi kan maatii keetiif gaarii hin ta’u, deebitee akka hidhamtu ni goona naan jedhan”.   

Rakkoon isaa muudachuu kan jalqabaa akka hin taane Addis Standarditti kan hime Muhayaddin, “Bara darbe miseensotni Humna Addaa Oromiyaa mooraan itti hojjaadhu keessatti waahillan kiyya duratti na reeban. Aanga’ootni naannichaa fi qaama dhimmi ilaallatu miseensota Humna Addaa Oromiyaa na reeban seeratti akka dhiyaatan yoon gaafadhu, waan beekan akka hin qabne natti himan. ” jedhe. 

Muhayaddiin erga hidhameen booda ajajni mana murtii itti kennamuus ibseera. Manni murtii qorannoof guyyaa 14 akka kennuun isaa ni yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.