Xiinxala Oduu: Himatamaa 3ffaan Galmee Kol. Gammachuu Ayyaanaafaa Keessa Jiru Humnoota Mootummaatiin Ajjeefamuun Dhagahame

Siyaannee Mokonnoniin 

Finfinnee, Caamsaa 19/2022– Qondaalli Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Koloneel Gammachuu Ayyaana erga Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddachi Ijibbaataa “Eenyu akka hidhe hin beekamu” jechuun hidhaa keessa akka turu murteesse baatii sadi booda mana murtiitti dhiyaate.Himatamtoota galmee Kiisii Qixxummaa jala jiran keessaa himatamaa sadaffaan Amaanu’eel Ijjiguu Margaa hidhattoota mootummaatiin ajjeefamu himatamtootni mana murtiitti himan. 

Dhaddachi Ijibbaataa wiixata darbe galmee himatamtoota ilaaluuf beellamatus Abbaan Alangaa mana Murtii irraa hafuu himan gareen abukaattoon himatamtootaa.Haaluma kanaan dhaddachii Caamsaa 18,2022  beellamame. 

Dhaddacha kaleessaa Caamsaa 18,2022 ooleen manni murtii haala hidhaa Kol. Gammachuu fi kanneen biroo irratti miseensotni Poolisii Federaalaa ibsa akka laatan gaafate. Miseensotni Poolisii haala hidhaa isaanii akka hin beekne mana murtiitti himan. Manni murtiis Daayirekteerrii dhimma qorannoo Poolisii Federaalaa mana murtiitti dhiyaatee ibsa akka kennu ajaja dabarse.

Haaluma kanaan itti gaafatamaan kutaa qorannoo Poolisii Federaalaa har’a mana murtii dhiyaachuun haala hidhaa Kol.Gammachuu irratti ibsa laate. Kol. Gammachuun akka abbaan alangaa kaleessa mana murtiitti hime Komishiini Poolisii Oromiyaatiin imaanadhaan Poolisii Federaalatti hin kennamne jechuun mana murtiitti hime. 

Dhaddacha kaleessaa irratti Abbaan Alangaa gama isaatiin Komishiniin Poolisiin Oromiyaa Poolisiin Federaalaa Kol. Gammachuu imaanaadhaan akka hidhu Xalayaan gaafachuu mana murtiitti hime ture. Haata’u malee “Nuti garagalchaa xalayaa kanaa hin qabnu, abbaan alangaa garuu xalayyicha abba murtiitti argisiisee jira” jedhe Tuliin. 

Itti gaafatamaan mana murtiitti dhiyaates yaada dubbii Abbaa Alangaa faallessu dhiyeesse jedhe Tuliin. Itti gaafatamichi Kol.Gammachuu ajaja mana murtiin dhiyeessu hime. Dabaluunis Poolisiin Federaalaa Kol.Gammachuu mana murtiitti dhiyeessuuf yeroo barbaadu too’annoo Komishinii Poolisii Oromiyaa jala jiraachuu isaa hubate, sana booda mana murtiitti dhiyeesse jedhe. 

Olmaa dhaddachaa har’aatiin manni murtii Abbaan Alangaa ajjeechaa Amaanu’eel Ijjiguu irratti ibsa akka laatu fi Komishiinin Poolisii Oromiyaa mana murtiitti dhiyaate haala hidhaa Kol. Gammachuu Ayyaanaa irratti ibsa akka kennu ajaja dabarse.  Kana malees dhaddachi Ijibbaataa, himatamtoota galmee kana jala jiran sadi Kiisii Qixxummaa, Usmaan Hasan fi Lammeessaa Taakkalaa Caamsaa 23, 2022 mana murtiitti akka dhiyaatan ajaja kennee jira. 

Itti gaafatamaan sab-qunnamtii  Adda Bilisumma Oromoo yeroo Lammii Gammachuu, Amaanu’eel Ijjiguu  mana sirreessaa Federaalaa Qilinxootii baafamee  humnoota nageenyatiin ajjeefamuu Addis Standarditti hime. Erga galmeen isaanii saaqamee, adeemsa mana murtii irra otoo jiranii Amaanu’eel godina Wallagga Bahaa, Magaalaa Naqamtee iddoo Jaatoo jedhamutti geeffamee Mudde 18,2021 akka ajjeefame ibse Lammiin.

Duub duubee

Himatmootni galmee Qixxummaa Kiisii jala jiran kun namoota 12 Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti, Dhaddacha Yakkaa 3ffaa Farra Shororkeessummaa fi Dhimmoota Heeraatiin Caamsaa 19,2021 bilisa bahan keessa turan. Haa ta’u malee Kol. Gammachuu qofatu hidhaa keessatti hafe jedhe Tuliin.

Sadaasa darbe Abbaan Alangaa, galmee Gammachuu Ayyaanaa fi kanneen biroo, himata manni murtii bilisa isaan baasee ture irratti ol iyyannoo ji’a ja’a booda gaafate. Guraandhala 9/2022  Manni murtii Waliigalaa Federaalaa galmee Koloneel Gammachuu Ayyaana fi kanneen biroo afur akka cufamu murteesse.

Guraandhala keessa , darbe Abbaan Alangaa murtii manni murtii Olaanaa Federaalaa ragaalee abbaa alangaa haasaa bilbilaa waraabame labsii 1176/2012 bu’uureffatee kufaa taasise mormee dhiyyeffate ture.  

Dhaddacha Guraandhala 9/2022 ture irratti himatamtootni lama eessa akka jiran hin beekamne ture. Manni murtichaa ol iyyannoo Abbaa alangaa ugguruun dhiitta mirga namoomaa himatamtoota irra gahe irratti ibsa akka laatu fi qorannoon akka gaggeeffamu ajajuu isaa Milkiyaas Bulchaa Addis Standarditti himee ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.