Oduu: Tarkaanfii Godinaalee Sagal Keessatti Garee Hidhattootaa Irratti Fudhatameen Uummatni Tasgabbii Argate – Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa Oromiyaa

Koloneel Abbabaa Garasuu
Itti aanaa hogganaan Biiroo Bulchiinsaf nageenyaa Oromiyaa
Suuraa:FBC

Finfinnee, Caamsaa 18/2022 –  Biiroon Bulchiinsaaf Nageenyaa Oromiyaa tarkaanfii godinaalee sagal keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo(Kan mootummaan shanee jedhee waamu) irratti  fudhatameen uummatni tasgabbii fi boqonnaa argate jedhe.

Itti aanaa hogganaan Biiroo Bulchiinsaf nageenyaa Oromiyaa Koloneel Abbabaa Garasuu turtii Faanaa Biroodkaastiing Korporeet waliin taasisaaniin tarkaanfii qindaa’aa qaamoleen nageenyaa Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) irratti  fudhataniin garichi akka kanaan duraa sodaa nageenyaa hin ta’u jedhe.

Tarkaanfii  godinaalee Gujii lamaan, Wallaggaa Arfan, Shawaa Kaabaa fi Lixaa, akkasumas Shawaa Bahaatti fudhatameen garicha qulqulleessuun danda’amuu Koloneel Abbabaan hime.Kanaanis sochiin diinagdee fi hawaasummaa godinaalee sagal keessatti gufatee ture yeroo ammaa gara sochii idileetti deebi’uutu himame. 

Tarkaanfii mootummaan naannoo Oromiyaa WBO fi humnoota finxaaleyyii irrattin fudhadha jechuun waadaa galee eegale kanaan namoota nagaa irratti haleellaa gaggeefamuu isaa Addis Standard gabaasee ture.

Haleellaa  jumlaa godinalaalee adda addaa keessatti uummata nagaa irratti raawwatame Addis Standard jiraattota irraa odeeffatee gabaasera. Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Warra Jaarsoo namootni 18  sagantaawwan cidhaa garagaraa bakkeewwan lamaanitti gaggeeffaman ture guyyaa Dilbata, Caamsaa 1, 2022, namootni 3 ganda Jimjimalaa irraa, akkasumas namootni 15 ammoo Wiixata Caamsaa 2 ganda Awwaaree Goljee irraa, walumaagalatti namootni 18 fudhataman. Hidhamtoota kunneen keessaa maanguddootni illee argamu. Erga qabamanii guyyaa tokko booda ajjeeffamaniiru.

Dhuma baatii Ebla keessa gabaasaaleen suukkanneessaa kanaan walfakkaatan Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Ada’aa Bargaatti hidhattootni mootummaa tarkaanfii uummata nagaarratti fudhatan ibsan mul’ataniiru. Adam (maqaan isaa nageenyaan jecha jijjiirameera) Addis Standardiif akka himetti, Ebla 26, 2022, hidhattootni mootummaa guyyaa gabaa irratti dhukaasa uummata nagaa irratti bananiin maanguddoota dabalatee namootni 20 ajjeefamaniiru. 

Gama biraatiin haleellaa diroonii  Ebla 22, 2022 Abunaa Gindabarat gaggeeffameen  namootni 20 ta’a yoo ajjeefaman, namootni 7 ammoo haleellaa kana baqachuuf wayita yaalan boolla keessa seenuun du’uu isaanii BBC Afaan Oromoo jiraataa aanichaa waabeffachuun gabaasera. 

Paartilee moormitoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO) haleellaa lammiilee nagaa irratti gaggeeffamu balaaleeffataniiru. Paartileen lamaanu gochoota suukkanneessaa naannicha keessatti raawwataman tarreessuun paartiin biyya bulchaa jiru uummata Oromoo irratti waraana baneera jechuun himatan.

 Jalqaba baatii Bitootessa yaa’ii Caffee Oromiyaa irratti Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, “Adeemsa riphee loltoota fashaleessuuf qajeelfamni qophaa’eera. Baatilee dhufanitti jijjiirama guddaa akka argannu abdanna” jechuun isaa ni yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.