Oduu: Sirni awwaalcha Obbo Sintaayyoo Tolaa Magaalaa Sabbataatti raawwatamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 18/2022 -Sirni awwaalcha Obbo Sintaayyoo Tolaa magaalaa Sabbataa bataskaana qidduus Gabrieelitti raawwatamaa jira.

Obbo Sintaayyoo Tolaa Hayyuu Seenaa Oromoo akkaan beekaniif seenaan,aadaan fi duudhaan Oromoo akka beekkamu nama hojii guddaa hojjatan ta’uun ibsameera.

Akka OBN gabaaseetti, sirnicharratti hoggantoonni Mootummaa Olaanoon Af Yaa’ii itti aantuun Mana Maree Bakka Bu’oota uummataa aadde Loomii Badhoo fi maatii fi firoottan argamanitti raawwatamaa jira.

Hayyuu Seenaa fi Aadaa Oromoo kan ta’an Sintaayyoo Tolaa Qana’aa dhibee tasa isaan mudateen Caamsaa 16, 2022 du’aan addunyaa kana irraa boqotan.  Sintaayyoon Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaatti sadarkaa ogeessa irraa eegalee hanga Hogganaa Itti Aanaa Biirootti hojiilee seenaa fi aadaa uummata Oromoo sadarkaa biyyaa fi idil-addunyaatti beeksisan kan hojjatan yoo ta’u, hanga lubbuun isaani darbuttis, Itti Aanaa Daayirekteera Inistitiyuutii Qorannoofi Qo’annoo Oromoo ta’uudhaan tajaajilaa turaniiru.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.