Hayyuu Seenaa fi Aadaa Oromoo, Sintaayyoo Tolaa du’aan addunyaa kanarraa boqotan

Finfinnee, Caamsaa 17/2022: Hayyuu Seenaa fi Aadaa Oromoo kan ta’an Sintaayyoo Tolaa Qana’aa dhibee tasa isaan mudateen Caamsaa 16, 2022 du’aan addunyaa kana irraa boqotan.  Sintaayyoon Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaatti sadarkaa ogeessa irraa eegalee hanga Hogganaa Itti Aanaa Biirootti hojiilee seenaa fi aadaa uummata Oromoo sadarkaa biyyaa fi idil-addunyaatti beeksisan kan hojjatan yoo ta’u, hanga lubbuun isaani darbuttis, Itti Aanaa Daayirekteera Inistitiyuutii Qorannoofi Qo’annoo Oromoo ta’uudhaan tajaajilaa turaniiru.

Gahee uummanni Oromoo lola Adawaa, Saambee fi kanneen biroo irratti qabu qorannoodhaan baasuun fooramii fi waltajjiilee dhimma qorannoo Oromoo irratti waraqaa qorannoo isaani dhiyeessuun Oromoon biyya Itoophiyaaf gaachana tahuu isaa kan mul’isan Sintaayyoon, qorannoo fi qo’annoo gaggeessaa turaniin seenaan uummata Oromoo sirnoota darban keessa dabee barreeffamaa ture sirraa’ee seenaan qajeelaa uummatichaa akka barraa’uuf shoora ol’aanaa taphataniiru.

Sintaayyoon, Sirni Gadaa Oromoo bakka bu’aa Hambaa kiliyaa dhala namaa ta’ee, galmee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Waajjira Saayinsii, Aadaa fi Barnootaa (UNESCO) irratti akka galmaa’uuf gahee guddaa kan gumaachan yoo ta’u, hambaaleen gurguddoo Oromiyaa kan Holqa Sof Umar, Dirree Sheek Huseen, Paarkii Gaarreen Baalee fi Malkaa Qunxurree UNESCOtti galmeessuudhaaf akka kaadhimaman hojjetaa turaniiru.

“Sintaayyoon bakkalcha Seenaa fi Aadaa Oromoo turan” kan jechuun yaada isaanii OBNf kan laatan Daarektara Olaanaa Institiyuutii Qorannoofi Qo’annoo Oromoo, Dirribaa Tarrafaa, “waggaa 20 dura, bara 1994 ALI Sirni Gadaa Hambaa Killiyyaa Dhala Namaa ta’ee ‘UNESCO’tti akka galmaa’uuf, miiltoowwan isaa waliin ta’uun hayyoota abuuraa dhiyeessan keessaa Sintaayyoon nama adda dureedha. Dhiibbaa gara garaatiin kaayyoon isaani yeroo sanitti milkaa’uu baatus, waggaa 15 booda qabsoo qaamolee qooda fudhattoota ta’an carraaqqiin sun milkaa’ee Sirni Gadaa bara 2009 ALI ‘UNESCO’tti galmaa’uu danda’eera.” jedhan.

Kana malees, sirna Gadaa Oromoo, sirna barnoota Naannoo Oromiyaa fi Naannolee ollaa kutaa 1-8tti kennamaa jiru keessatti ogeessota Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa, Biiroo Barnoota Oromiyaa, akkasumas ogeessota dhaabbilee barnoota olaanaa waliin ta’uun qophii kitaaba barataa irraa eegalee milkaa’ina hojichaaf gahee guddaa taphataniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.