Odeeffannoon “Yunivarsiitichi Afaan Oromoo barsiisuu dhaabuufi” jedhu sirri miti- Yuunivarsiitii Finfinnee

Suraa; FBC

Naatinaa’eel Fiixeetiin  

Finfinnee: Yuunivarsiitii Finfinneetti Kolleejjiin Namummaa, Qorannoo Afaanii, Gaazexeessummaa fi Kominikeeshinii sagantaalee barnoota garagaraan barattoota idileedhaan simachuuf beeksisa baaseen gosoota barnootaa beeksisni irratti bahe sagal keessaa Afaan Oromoo eeramuu dhabuun isaa marsaalee hawaasummaa irratti gaaffii guddaa kaaseera.  

Yuunivarsiitii Finfinneetti hogganaa muummee barnoota Afaan Oromoo Lataa Fayyisaa dhimma hambifamuu barnoota Afaan Oromoo ilaalchisee yaada Addis Standardiif kenneen, burjaajiin uumame akkaataa xalayichi itti hubatameerra akka maddu fi barnoonni Afaan Oromoo akka hin dhaabbanne ibse. 

“Akkaataa xalayichi itti hubatameetu sirri hin taane malee beeksisichi haala adda ta’een bahe. Beeksisni kun sagantaalee barnootaa waggaa tokko oliif barattoota dhabanii turanif bahe. Muummeen Afaan Oromoo ammoo barattoota hin dhabne,” kan jedhe Lataan, barnoota Afaan Oromoo Yuunivarsiiticha keessatti waggootaaf kennamaa ture dhaabbachuufi jedhame burjaajiin uumame sirri akka hin taane himeera.

Yunvarsiitii Finfinnee, muummee Afaan Oromootti barsiisaa kan tahan Dr. Xilaahun Taliilaa gama isaaniin yaada BBC Afaan Oromoof laataniin, yaadni Yuunivarsiitichi Afaan Oromoo barsiisuu dhaabuufi jedhu dogoggoraan kan hubatame ta’ulleen, uummatni waa’ee afaan isaa dammaqinaan hordofee akkasiin faana bu’uun isaa garuu waan dinqisiifatamudha jedhan. 

Dhimma kana ilaalchsiee odeeffannoo dabalataa argachuuf yaaliin Addis Standard Diinii Koolleejjii Namummaa, Qorannoo Afaanii, Gaazexeessummaa fi Kominikeeshinii Yunivarsiitii Finfinnee argachuuf godhe hin milkoofne.  

Yuunivarsiitiin Finfinnee bara 1999 irraa eegalee gosa barnootaa Afaan Oromoo digirii jalqabaatiin barsiisuu jalqabe. Bara 2011 A.L.I tti Afaan Oromootiin sadarkaa PhD’tti yeroo jalqabaatiif barattoota simatee barsiisaa jira. AS  

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.