Dubartootni, Daa’imman Sababa Hongeetin Baay’ee Miidhamaa Jiru

Alamituu Hoomaatiin @alemituhoma

Finfinnee, Caamsaa 16/2022Godinaalee 21 Oromiyaa keessaa saddeet keessatti hongeen akka muudate mootummaan naannichaa beeksiseera. Addis Standard gabaasa walitti aananiin miidhaa hongeen godinaalee  Baale, Baale Bahaa, Booranaa, Gujii, Gujii Lixaa, Harargee Bahaa, Harargee Lixaa, Shawaa Bahaa, akkasumas naannoo Somaalee godinaalee kudhanitti geessise gabaaseera. Hongeen babal’achaa adeemee kun du’a hedduu fi namoota baay’ees  godaansaf saaxileera. Dhiibbaan diinagdee qaala’insi gatii, dhumaatiin beeladaa fi hir’achuun oomishaalee qonnaa madda galii hawaasa bal’aa ta’an dhabamuun isaa namootni  hedduun qe’ee isaani dhiisanii akka godaananii fi waraana mootummaatti akka makaman isaan dirqisiiseera. Dhiibbaa hongee naannolee Oromiyaa fi Somaaleetti hammaachaa dhufeen dubartootni haala adda ta’een miidhamaa ta’u isaani Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Biiroon Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (OCHA) beeksiseera.

Dubartootni, keessattuu hawaasa olaantummaa dhiiraa qabu keessatti, balaawwan uumamaa kan akka hongee fi rakkoo diinagdee fi hawaasummaa, hojiiwwan mana keessaa guyyaa guyyaa hanga miidhama akka hawaasatti baadhatu. Sababa beela hamaatiin dubartoota irraa ulfi bahuu, du’aa dahuu fi daa’immaan du’uu muudachaa jiraachuu gabaasaleen Addis Standard qaqqaban ni muli’su.  Kunis xiyyeeffannaa gadi aanaa mootummaan hongeef laate agarsiisa. Iddoowwan miidhaan hongee  gadi aanaan mudate keessatti dubartoonni bishaan waraabuuf sa’aatii 18 ol miilaan deemuuf dirqamu. 

“Dubartootni ulfaa dahuuf humna hin qaban. Gara Hospitaala Ginniir kiilomeetira 90 hanga 120 fagaate argamutti geessu qabna. Yeroo Hospitaala ga’an, yeroo baay’ee Dooktaronni haadha qofa baraaruu danda’u.”

Caalaa

Caalaan, jiraataa Godina Baalee Bahaa kan ta’e tajaajila yaala hattatamaa kennu. Sababa  hongeetiin miidhaa dubartoota irra gahaa jiru dhugaa baha. Ulfi bahuu fi du’aatii daa’immanii haadholii ulfa beela’an hubamanii  muudannoo hojii idilee Caalaati. “Dubartootni beela’an qaamni isaani dhukkuba dandamachuu hin dandeenyeef ulfa bahuun isaan muudata. Sababa kanaan torbanitti yoo xinnaate dubartootni torba hanga kudhan gara Hospitaala Godinaatti yeroo geeffaman argeera,” jechuun Addis Standarditti hime. 

“Dubartootni ulfaa dahuuf humna hin qaban. Gara Hospitaala Ginniir kiilomeetira 90 hanga 120 fagaate argamutti geessu qabna. Yeroo Hospitaala ga’an, yeroo baay’ee Dooktaronni haadha qofa baraaruu danda’u.” jedhe.

Akkuma Caalaa Kadijjaanis jiraattuu godina Baale Bahaati, abbaan manaa ishee biyya Saawudi Arabiyaatti hojjataa humnaa ta’uun jiraata. Kadijjaan dhiibbaa hongeen kun dubartoota fi ijoollee irraan geessisaa jiru ilaalchisee yaada ishee Addis Standardiif yeroo ibsitu rakkoo hawaas-diinagdee hongeen walqabatee uumamaa jiru hammaachaa akka deemu sodaa guddaa akka qabdu himte. 

Bakkeewwan dubartootni maatii hoggananitti, hongeen mudachuu fi deebii quubsaa dhabuun dubartoota fi gahee isaan irraa eegamu irratti miidhaa geessisaa akka jiru himteetti. “Ijoollee mana barumsaa erginu qabna, ganama  osoo nyaata itti hin  kennin akkamitti gara mana barumsaa ergina, bishaan uffata isaani ittiin miicanii fi  nyaata  ittiin bilcheeffatan yoo hin jiraanne akkamitti gara mana barumsaa isaan ergina” jette.  

Itti  fufuun, “Ani abbaa manaa biyya alaati hojjatee na deeggaruun qaba, garuu dubartoota itti gaafatamummaa bishaan waraabuu, ijoollee gara mana barumsaa ergu fi maatii kunuunsu qaban hoo?” jetti.

“Haalli jiru ulfaataa waan ta’eef ogeeyyiin fayyaa naannolee gammoojjii kana badaa akka jiran quban qaba”

Ogeessa Fayyaa

Ogeessi fayyaa Hospitaala Ginniir maqaan isaa sababa nageenyaatin akka hin eeramne gaafate, ragaa jiraata Godina Baalee Bahaa ni mirkaneessa. Hojjataan kun “Jireenyi hawaasa kanaa sadarkaa isaa kan eeggate miti. Hanqinni nyaataa haadholii duraanis inuma mul’ata, amma garuu lakkofsi isaa daran dabalaa jira,” jedhe.

Itti fufuunis, “Sababa hanqina nyaataatiin dhibeen garaa garaa dhufuu danada’a. Mixuu yeroo malee, ulfi bahuun fi daa’imni du’aan dhalachuun muudachuu danda’a. Yeroo ammaa kana kan haadholii irratti hammaachaa jiru yeroo malee dahuu, daa’ima lubbuu hin qabne dahuu fi ulfi irraa bahuudha” jedhe.

Rakkoo kana daran kan hammeesse ogeeyyiin fayyaa naannoo sanaa gadi lakkisaa jiraachuu eere, “Haalli jiru ulfaataa waan ta’eef ogeeyyiin fayyaa naannolee gammoojjii kana badaa akka jiran quban qaba,” jedhe.

“Bakka hongeen jirutti namni martuu ni miidhama. Yeroo ammaa kana daa’imman hanqina nyaataa hamaaf saaxilaman kudhanii hanga digdamaa ta’an Hospitaala Ginniiritti yaalamaa jiru,” kan jedhe ogeessi fayyaa kun, lakkoofsi daa’imman hanqina nyaataa hamaadhaan miidhamanii dabalaa jiraachu ibseera. Itti dabaluun, “Hawaasni naannoo kanaa durayyuu hanqina nyaataa ni qaba. Dhiibbaan hongeen ammoo reefu eegalaa jira. Haalli jiru ni sodaachisa” jedhe.

“Hawaasni naannoo kanaa durayyuu hanqina nyaataa ni qaba. Dhiibbaan hongeen ammoo reefu eegalaa jira. Haalli jiru ni sodaachisa” jedhe.

Ogeessa Fayyaa

Itti gaafatamaan Hospitaala Meeggaa Dr. Godaanaa Halaakee, hospitaalli Meeggaa namoota hanqina nyaataatiin miidhaman gargaaraa akka jiru dubbate. “Akka waliigalaatti Godina Booranaa keessa hanqinni nyaataa daa’imman ganna shanii gadi qofa osoo hin taane namuma hunda miidhaa jira. Keessumaa haadholii ulfaa, daa’immanii fi jaarsolii hubamanii hospitaala Meeggaatti yaalamanii jiru,” jedhe.

Itti dabaluun, “Daa’imman jaha hospitaala Meeggaa dhufanii tokkoo hanqina nyaataa dabalatee dhibee biraas waan qabuuf lubbuun darbee jira. Kaan bayyanatanii bahaniiru, kan wal’aansa irra jiranis jiru” jedhe.

Daa’imni ishee baatii tokkoo dhibee garaa kaasaan qabame Hospitaala Meeggaatti wal’aanamaa kan ture Lookoo Garboolee waa’ee baatilee ulfa turte yoo  ibsitu, “Waanan nyaadhu hin qabuun ture. Qarshii nyaata ittiin bitadhu tokkollee hin qabuun ture” jetti. Lookoon daa’imashee baatii tokko halkan baay’ee karaa bultee  miilaan Hospitaala geessite. “Maallaqa geejjibaaf kaffaluu waanan hin qabneef halkan baay’ee karaa buleen miilaan Hospitaala geesse,” jette. 

Oromiyaa Iddoowwan baay’ee keessatti, keessattuu bakkoota hongeen miidhamanitti dhiirotni itti gaafatamummaa maatii bulchuu dubartootatti gatanii hojiif gara magaalota gurguddoo naannoo Oromiyaa fi ala jiran deemu. 

“Ijoollee mana barumsaa erginu qabna, ganama  osoo nyaata itti hin  kennin akkamitti gara mana barumsaa ergina, bishaan uffata isaani ittiin miicanii fi  nyaata  ittiin bilcheeffatan yoo hin jiraanne akkamitti gara mana barumsaa isaan ergina”

Kadijjaa

Dubartootni naannoo Somaalee jiranis akkuma Lookoo, Kadijjaa fi dubartoota Oromoo biroo haala jireenyaa kana keessa darbu. Haati  ijoollee lamaa  Fatiyaan dhalattuu naannoo Somaalee, Godina Afdeeraa yoo taatu yeroo ammaan kana abbaa manaa ishee waliin Godina Baalee Bahaa, magaalaa Ginniir keessa jiraatti. 

Sababa mana isaani gadhiisanii godaananiif  yeroo yaadattu, “Jalqaba nuti horsiisee bultoota turre. Haata’u malee hanqinni roobaa fi dhumaatiin horii keenyaa qe’ee dhiisne akka godaannu nu godhe. Abbaan manaa koo gatiin horiiwwan keenyaa waan gadi bu’eef gurguruu hin dandeenye. Anis bishaan waan hin jirreefi gatiin meeshaalee waan qaala’eef ijoollee koo kunuunsu hin dandeenye. Gara iddoo hojii itti arganutti deemu qabna turre,” jette. Itti dabaluun, “yeroon ammaan kana miidhaan dubartoota Somaalee irra gahaa jiru salphaa miti. Haadholii ulfaa miidhaan irra gahee fi ulfi irraa bahuu danda’u jiru. Ijoolleen mana barumsaa ala jiran jiru.” jette.

Akka gabaasa UNICEF Guraandhala, 2022 bahee ibsutti, dubartootni ulfaa fi harma hoosisan 100,000 ol hongeen miidhamanii gargaarsa atattamaa barbaadu. 

“Maallaqa geejjibaaf kaffaluu waanan hin qabneef halkan baay’ee karaa buleen miilaan Hospitaala geesse”

Lookoo

Dhiibbaa hanqinni nyaata madaalawaa fi bishaani dubartoota ulfaa irraan geessisu: Yaada ogeettii

Ogeettii biyya USA, Tucson Arizona keessa kan jiraattu Tigist Toleeraan, hanqinni nyaata fi bishaanii akkamitti qaama dubartoota ulfaa akka miidhuu yeroo ibsitu, “Yeroo ulfaa fedhii dabalataa ulfichi isheetti fidu deeggaruuf qaamni dubartoota kaaloorii fi nyaata madaalawaa Pirootinii fi Vitaaminii of keessa qabu barbaada. Nyaata madaalawaa argachu dhabuu fi beela’uun ishee qofa osoo hin taane ulfi garaa keessa jirus ni miidha. Akkasumas fayyaa mucaa irrattillee rakkoo itti fufiinsa qabu fida.” jette.   

Itti dabaluun, “Haadholiin ulfaa hanqinni nyaata madaalawaa isaan mudate fi kanneen yeroo ulfa ta’anitti beela’an ulfi irraa  bahuu, yeroo malee dahuu, hir’ina ulfaatina daa’ima, hir’ina dhiigaa, du’aa dahuu, akkasumas du’aatii haadha dabalatee rakkoowwan fayyaa biroo ulfaan walqabataniif saaxilamoodha. Qorannoowwan akka mul’isanitti daa’imman haadholii yeroo ulfaa  isaanitti beelaan miidhaman irraa dhalatan jireenya ijoollummaa isaani fi yeroo guddatanillee dhibee sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa fi rakkoo onnee fi ujummoo dhiigaatin ni hubamu. Kana malees daa’imman dubaraa haala kanaan dhalatan rakkoowwan hormaata kan akka maseenummaa fi daftanii da’umsa dhaabuuf saaxilamu” jette.   

“Haadholii ulfaa beela’an, qaamni isaani beela baruu yeroo jalqabu ulfaatina heddu hir’isu. Kuufama Ayirenii, Vaayitaaminii fi albuuda qaama isaani keessa jiru daa’ima garaa jirtuuf qusatama. Dubartiin jalqabaa ulfaa irraa kaastee hanqinni nyaata madaalawaa ishee muudatu humni dhibee ittisuu ishee waan gadi bu’uuf carraan dhibeef saaxilamuun carraaan ulfi irraa bahuu baay’ee olaanaadha. Hanqina Foliik Asiid, Ayiranii, Kaalshiyeemii, Vitaamiin D, fi kanneen biroo carraa ulfi irraa bahuu ni dabala. Dabalataan, hanqina nyaata madaalawaa ulfaatina daa’ima irratti balaa qaba. Daa’imman ulfaatina xiqqoo qaban haati isaani harma hoosisuu waan hin dandeenyeef dhiibbaa yeroo mixuus ta’e erga dhalatanii booda muudatu dandamachuu waan hin dandeenyeef carraa otoo hin dhalatiin du’u isaani olaanaadha.” jechuun ibsite.  

Qorannoowwan akka mul’isanitti daa’imman haadholii yeroo ulfaa  isaanitti beelaan miidhaman irraa dhalatan jireenya ijoollummaa isaani fi yeroo guddatanillee dhibee sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa fi rakkoo onnee fi ujummoo dhiigaatin ni hubamu. Kana malees daa’imman dubaraa haala kanaan dhalatan rakkoowwan hormaata kan akka maseenummaa fi daftanii da’umsa dhaabuuf saaxilamu”   

Tigist Toleera

Itti aansuun waa’ee rakkoo bishaan dhabuu(dheebuu) walqabatan yeroo ibsitu, “Yeroo ulfaatti bishaan gahaa ta’e dhuguun dhangala’aa amniotic fayyaa ulfaaf murseessoo ta’e akka jiraatu taasisa. Bishaan dhabuun haadholii, bishaan garbaafi ciniinsu da’umsa duraa geessisa, ciniinsu da’umsaan duraa fi infeekshiniin rakkoowwan hanqina bishaan garbaa waliin walqabataniidha” jechuun dubbatte.  

Kana malees ciniinsuun dubartoota hongeen miidhamaniif hammam ulfaataa akka ta’e ibsiteetti. “Dubartootni hanqina nyaataa qaban ciniinsu dandamachuuf humna gahaa hin qaban.  Ciniinsuun  humna guddaa waan gaafatuf, dubartootni durumaanuu hanqina nyaataa qaban dahumsa booda balaa guddaaf saaxilamu. Dhiiga  yeroo dahumsaa dhangala’uu  dandamachuu waan hin dandeenyeef lubbuu isaani dhabu. Dubartootni rakkoo akkanaa keessa jiran baay’inaan baadiyyaa bakka hanqinni tajaajila fayyaa si’ataa jiru keessa waan jiraataniifi ciniinsuun kan irra turu yoo ta’e carraan daa’ima isaani yeroo dahumsaatti dhabu guddaadha.” jette. AS     

Hubachiisa Gulaalaa: Gabaasni kun barruu Addis Standard maxxansa Bitootessaa irratti barraa’e. 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.