Oduu: Namootni Shan Mana Kuusaa Waldaa Hojii Gamtaa Godina Arsii Lixaa keessaa Xaa’oon Kuntaala 300 ol Hatuun Shakkaman To’annoo Jala Oolaniiru

Naatinaa’eel Fiixeetiin 

Finfinnee, Caamsaa 16/2022:: Mana kuusaa keessaa  Xaa’oo kuntaalli 300 hir’achuu Waajjirri Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Godina Arsii Lixaa beeksise. Hanna kanaan walqabate namoota shakkaman to’annoo jala oolchaa jiraachu Qajeelchi Poolisii Godina Arsii Lixaa hime. 

Hir’ina mul’ate qulqulleeffachuuf koree inventarii (inventory) qaamolee adda addaa irraa akka hundeeffame Itti gaafatamtuun Waajjira Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Godina Arsii Lixaa, Mardiyaa Jamaal OBNitti himteetti. “Inventariin adda bahee booda odiitin adda bahu akkuma jirutti ta’ee, inventarii keenyaan kuma sadiifi dhibba lama hir’ateera” jette.

Haaluma kanaan mana kuusaa Xaa’oon yakki hannaa kun irratti raawwatame xaa’oo alaa galee kiiloo giraama 50 irraa giddu galeessaan kiiloo giraama 7 hanga 8, walumaagalatti ammoo kuntaala 300 ol hir’ina agarsiisu kan himte Mardiyaan, odiiti boodarra taasifamuun kana caalu akka maluus dubbatteetti.

Hir’inni kun karaa lamaan mul’achuu kan ibsitu Mardiyaan, tokko yeroo Xaa’oon alaa galee mana kuusaa seenu, keeshaa birootti jijjiiruun kiiloo giraamni isaa akka hir’atu taasifamuu fi lammaffaan ammoo mana kuusaa keessaa dhabamsiisuun akka ta’e himte. “Xaa’oon Jibuutiirraa fe’ame dhufu kiiloo 50 yoo ta’e keeshaa haaraa bitanii alaa galchuun, isa sanitti kiilogiraama kana kiiloo 5, kiiloo 10, kiiloo 20n gadi buusanii maashinaan hodhanii bakka lamatti adda baasuun kiiloo gadi qonnaan bulaaf akka qaqqabu as keessatti hojjataniiru. Lammaffaan ammoo guutummaa guutuun mana kana keessaa baasuun hojjatameera” jette. 

Miseensotni koree inventarii gama isaaniin bu’aa qorannoo taasisaniin argatan ilaalchisee yaada laataniin, adeemsa madaallii kanaan hir’ina guddaa hubachuu isaani ibsaniiru. Adeemsa kanaan Xaa’oon alaa galee kun kiilogiraama baay’een hir’achuu, keeshaa (qalqalloo) akka hodhame dhufe jiraachu dhabame afaan banaa ta’u, qalqalloon gariin duwwaa ta’e guurame argamu akka taajjaban himan. 

Namootni yakka hanna Xaa’oo kana irratti hirmaatan seeratti dhiyeessuuf qaamolee nageenyaa waliin hojjechaa jiraachu Mardiyaan himteetti. “Namoota kanaan shakkaman yeroof to’atamanii odiitiin qulqullaa’e yakkamaan seeratti akka dhiyaatu Poolisii, Abbaa Alangaa, bulchiinsa Godinaa fi ogeessota yuniyeenii dhimma kana irraa qulqulluu ta’an waliin qindoominaan hojjetamaa jira” jette.

Hanna Xaa’oo mana kuusaa Waldaa Hojii Gamtaa Godina Arsii Lixaa waliin walqabate namoota shakkaman to’annoo jala oolchaa jiraachu kan eeree Itti aanaan Daayirektara Nageenya Naannoo Mirkaneessaa Qajeelcha Poolisii Godina Arsii Lixaa Komaandar Abduljabbaar Amaanoo, garee qorannaa ijaaramee qorannoo gaggeeffamaa jiruun hanga amaatti namoota namoota shan to’annoo jala oolfamanii galmeen isaa qulqullaa’aa jiraachu himeera.   

Itoophiyaa keessatti gatiin xaa’oo haalaan dabaluun yaddoo qonnaan bultootaa ta’eera. Akka gabaasaaleen mul’isantii gaatiin Xaa’oo bara kanaa kan bara darbee irraa dhibbeentaa 150 oliin dabaleera. 

Ministir Deetaa Soofiyaa akka sababa jalqabaa gatii daballii xaa’ootti kan kaastu, sadarkaa idil addunyaatti gatiin xaa’oo ol ka’uudha. “Akka biyyaatti dursinee caalbaasii  baafnee wali galtee waan gooneef, ammanayyu gatii fooyyee qabu jedhamuun kan arrganne” jette.

Biyyootni xaa’oo oomishan gurguddoon sababa Covid -19f oomisha isaanii waan hir’isaniif hiri’inni sadarkaa addunyaatti muudachuus hubachiifte.  Keessumaa, gatiin gaazii uumama  oomisha xaa’oo “Yuuriyaa” oomishuuf gargaaru dabaluu isaan wal qabatee, biyyoonni oomishaa turan hojii keessaa bahuus eertee jirti.

Akka ragaa Qorannootti, Itoophiyaa keessatti qonnaan bultoota dhibbentaa 40 gaditu xaa’ootti fayyadama.Waarrumti itti fayyadamaniyyuu ammo hanga silaa barbaachisuu gad fayyadamu.Sababni guddaan hanga barbaachisuu gad fayyadamuu qonnaan bultoota ammo gatii Xaa’oo gabaa addunyaarra jiru harka lama yookaan sadiin caalmaa waan qabuuf akka ta’e ibsa. AS  

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.