Maanguddoon umrii 69 Yunvarsiitiin Jimmaatti Ramadaman

Finfinnee, Caamsaa 14/2022: Maanguddoon umrii waggaa 69 fi abbaa ijoollee 11 kan ta’an Taaddasaa Giichillee barattoota qabxii darbiinsa qormaata seensa Yunivarsiitii bara 2013 argatanii barana Yunvarsiitiin Jimmaatti ramadan keessa tokko ta’u Inistiityuutii Teeknooloojii Yunvarsiitii Jimmaa beeksiseera. Kaka’umsa guddaa abjuu ijoollummaa isaani mikeessuuf qabaniin Yunivarsiitii akka seenan dubbatan. 

Taaddasaan jiraataa Godina Wallagga Lixaa aanaa Ganjii yoo ta’an, qormaata seensa dhaabbilee olaanoo fudhachuun qabxii 502 galmeessuun Yunvarsiitii Jimmaatti ramadaman. 

Taaddasaan yaada Yuunivarsiitichaaf kennaniin fedhiin ijoollummaa barnootaaf qaban sababa itti gaafatamummaa maatii fi haala jireenyaan milkaa’uu baatus, kaka’umsa cimaa bakka yaadan ga’uu qabaniin Yunvarsiitii seenuu isaanii dubbataniiru. Milkaa’ina kanaafis gumaacha haadha warraa isaanii fi ijoolleen isaanii guddaa akka ta’e ibsaniiru.

Inistitiyuutii Teeknooloojii Yuunivarsiitii Jimmaatti barataa haaraa ta’uun kan galan obbo Taaddasaan, “Namootni tokko tokko umrii kanaan maaf barattaa adda kutii gara qonnaatti deebi’i naan jedhu, ani garuu abjuu ijoollummaa koo milkeessuu waanan qabuuf barumsa koo cinaatti hojii qonnaa fi biqiltuu Bunaa babal’isaa tureera” jedhan.
Turtii Yuunivarsiitii taasiisaniin barnoota Dooktoreetii Fayyaa qorachuu fi hanqinoota damee yaalaan jiran sirreessuun tajaajiluu kan barbaadan ta’uu ibsaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.