Waraqaan Eenyummaa Dijiitaalaa Seeraan Ala Hojjatamee Raabsamaa Jira-Ejaansii Galmeessa Ragaalee Bu’uuraa Magaalaa Finfinnee

Finfinnee, Caamsaa 18/2022: Ejaansii Galmeessa Ragaalee Bu’uuraa Magaalaa Finfinnee Waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa seeraan ala hojjatamee raabsamaa jiraachuu fi kanumaan walqabatee namootni 11 hojjattoota Eejansiichaa dabalate karaa seeran alan Waraqaa Eenyummaa Diijitaalaa hojjachaa turan to’annoo jala oolu DHPI gabaase.  

Waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa seeraan ala argameen tajaajila karaa mootummaan kennamu argachuun waan hin danda’maneef hawaasni qaamolee waraqaa eenyummaa isinii hojjenna jedhanirraa of eeggachuu akka qabu, Ejaansii Galmeessa Ragaalee Bu’uuraa Magaalaa Finfinnee hubachiiseera. 

Tibbaana Magaalaa Finfinneetti waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa seeraan ala maxxansamee raabsama turu dhaabbiilee miidiyaa garagaraan gabaafamuu kan eere gabaasni DHPI waraqaan eenyummaa tokkos hanga birri kuma 7 oliitti akka gurguramaa jiru dhaabbanni miidiyaa qorannoo taasise tokko ifoomseera jedhe. 

Dhimmicha irrattis Daayirektarri Ejaansii Galmeessa Ragaalee Bu’uuraa Magaalaa Finfinnee Dr Taakkalaa Naacaa akka jedhanitti Waraqaa Eenyummaa Dijiitaalaa seeraan ala maxxanfamaa jiraachuu DHPItti himaniiru. Waraqaan Eenyummaa Dijiitaalaa seeraan ala hojjatamaa jiran Koodii waan hin qabneef tajaajila karaa Mootummaan kennamu argachuun hin danda’anis jedhan. 

Dhimma kanarratti Mootummaan tarkaanfii fudhataa jiruun hanga ammaatti namoota 11 hojjattoota Eejansiichaa dabalate karaa seeran alan Waraqaa Eenyummaa Diijitaalaa hojjachaa turan to’annoo jala oolu himaniiru.  Hawaasni qaamolee waraqaa eenyummaa sinii hojjenna jedhanirraa of eeggachuu akka qabus himaniiru. 

Dr Taakkalaan namoota karaa seera alan waraqaa eenyummaa baafachuun tajaajila mootummaan kennu argachuuf gara dhaaabbilee mootummaa deeamanis to’annoo jala oolchuun akka qulqullaa’u ni taasifamas jedhaniiru. 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.