Miidiyaa Naannoo Harariitti Gulaalaa, Gaazexeessaan Afaan Oromoo Muhayaddin Abdullaahi Poolisii Naannichaatiin Hidhame

Iteenash Abarraatiin

Finfinnee, Caamsaa 17/2022: Miidiyaa Hararii keessatti Gulaalaa fi Gaazexeessaan Afaan Oromoo Muhayaddiin Abdullaahi, kibxata darbe, Caamsaa 10, biiroo isaa irraa akka hidhame maatiin Addis Standarditti himaniiru. Ogummaa gaazexeessummaatin muuxannoo waggoota 11 ol kan qabu Muhaddin, sababa haati manaa isaa deesseef eeyyama waggaa erga fudhate guyyaa tokko booda hidhamuu haati manaa isaa Helan Jamaal Addis Standarditti  himte. 

Miidiyaa Hararii keessatti gaazexeessummaan kan hojjattu Helan, “Daa’ima keenya waliin mana keessa otuu taa’aa jirruu poolisootni konkolaataa paatroliin dhufanii mana keenya marsan. Isa hidhuuf akka dhufan natti himan. Sababni isaa maal akka ta’e gaafannaan, karaa bilbila isaatin isa argachuu akka hin dandeenye natti himan. Kanaafuu ani bilbileefi isa waliin haasa’an,” jette. 

Akka Helan jettutti, poolisootni kunneen yeroo mana deeman ajaja mana murtii  hin qabaanne, kutaa inni akka bakka hojiitti itti fayyadamu sakatta’aniiru. “Sana booda gara waajjira isaa deemuun isa hidhan” jette.      

Erga hidhame hanga guyyaa lammaffaatti bakka inni jiru akka baramne  kan himte Helan, “Kamisa mana murtiitti dhiyaate. Barreeffama fuula feesbuukii isaarratti barreesseen walqabatee uummata mootummaa irratti kakaasuun himatame” jette. Barreeffamichi taatee Gondaritti uumame waliin akka walqabatu himeetti, Helan. Itti dabaluun, Abbaan Alangaa qorannoof guyyaa 14 akka laatamuuf mana murtii gaafachu himte. 

Hogganaa Muhaddin kan ta’e Muraad Mohaammad, dhimmicha akka quba hin qabne fi yeroo ammaa kana eeyyama waggaa irra akka jiru Addis Standarditti hime. Gaggeessitootni Miidiyaa Hararii dhimmicha irratti yaada akka laatan yaaliin godhame hin milkoofne.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.