Oduu: Yaa’ii Paarlaamaa Daa’immanii bulchiinsa magaalaa Amboo gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 07/2023 -Yaa’ii Paarlaamaa Daa’immanii Bulchiinsa Magaalaa Amboo Bakka I/Antuun Af-Yaa’ii Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Amboo Aad.Wagayyoo Haayilee fi Bakka Buutuun I/Gaafatamtuu Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Bulchiinsa Magaalaa Amboo Aad. argamaniitti gaggeeffamee jira.

Yaa’ii kana irratti Qajeelfamni Hundeeffama dambii ittin bulmaata yaa’ichaa qophaa’ee gadi bu’ee daa’imman mannen barnootaa irra dhufaniif ibsameera.

Paarlaamaa Daa’immanii bakka hundatti akka Dhaabbatu gaafataniiru.

Rakkoo mana kitaabaa gahaan dhabamuu Manneen barnootaa tokkoo tokko keessatti mu’achuu ibsaniiru.

Akka fakkeenyaatti Manni barumsa Sadan Liban irraa dhufaan hanqinni mana kitaabaa akkasumas barnoonni computer waan nuuf dabalameef mateeriyaaliin akka nuuf guutamu jechuun gaafataniiru.

Baraattoonni Paarlaamaa Daa’immanii bakka bu’aanii yaa’ii Paarlaamaa hirmaatan hanqinoota teessoo fi mana fincaanii akkasumas mana kitaabaa jiru ibsaniiru.

I/A Af-Yaa’ii Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Amboo Aad.Wagayyoo Haayilee Paarlaamaa Daa’immanii Manneen Barnootaa hunda keessatti baraattoota Kutaa 4-8tti jiraniif koree mataa isaa danda’e kan qaban yoo ta’u akka magaalaatti miseensa Yaa’ii Paarlaamaa Daa’immanii Magaalaa Amboo 70 hanga 80 maa yaa’ii walii galaarratti hirmaatu jedhan.

Gaaffiilee yaa’ii kana irratti ka’an akka mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Ambootti fudhannee qaama ilaalu faana irratti hojjanna jedhaniiru.

Kabajamoo Simalee Jabeessaa Af-Yaa’ii M/M/Paarlaamaa Daa’immanii Magaalaa Amboo daa’imman cimoo jajjabeeffamuu qaban heddutu jiru jedhan.

Daa’immanii Suusii garagaraa qaban darbee darbee ni mul’atu kanas miira obbolummaatiin itti dhiheenyaan gorsinee deebisuudhaan mirga keessan qixaan akka gaafattan jechuun dhaamaniiru.

Mdda:KBMA

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.