Oduu: Godina Guraageetti qubee afaan saba Qabeenaa Saabaa irraa gara Laatinitti akka jijjiiramu murtaa’ee hojiitti galamuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 07/2023 – Naannoo Kibba Itoophiyaa, godina Guraageetti hawaasni Qabeenaa qubee Saabaa (Gi’iiz) afaan sabichi barreessuuf itti fayyadamaa turan amala afaanicha waliin waan wal hin simneefi afaanichi akka hin guddanne waan taasiseef qubee afaanichaa gara Laatinitti geeddaruuf murteeffamee gara hojiitti seenamuu ibsameera. 

Kunis kan ibsame sagantaa seenaa, aadaa fi afaan saba Qabeenaa irratti hundaa’uun waggaa waggaan gaggeeffamu irratti dhimma qubee afaan saba Qabeenaa Saabaa irraa gara Laatiniitti jijjiiruu irratti qorannoon irratti akka ta’e FBC gabaaseera. 

Hoji gaggeessaa Waldaa Misooma Qabeenaa kan ta’e Mohaammad Haasan, qubeen Saabaa tajaajila kennaa jiru hubannoof ulfaataa waan ta’eef, barattootaaf mijataa waan hin taaneef akkasumas afaanicha guddisu waan hin dandeessisneef qubee jijjiiruun barbaachisaa ta’eera jedhe.

Barsiisaa fi Qorataa Afaanii Yunivarsiitii Kotobee Taaddasaa Girmaa (Dr.) Qabeenaan afaan barreeffamaa akka hin qabne fi qubeen Saabaa (Gi’iiz) amala afaanicha waliin deemu waan hin dandeenyeef gaaffii hawaasni kaaseen gara qubee Laatiniitti akka geeddaramu qorannoon dhiyaachu ibse. 

Akka qorannoo Mana Maree Saboota Naannoo Kibbaatti gaggeeffameen fedhiin ummataa olaanaa waan mul’ateef gara qubee adda baasuu fi kitaabota barnootaa qopheessutti seenamuu ibsameera. Akka Mohammad Hasan jedhanitti, hawaasni dhibbeentaa 90 ol qubee amma itti fayyadamaa jiran irratti walii galuu waan hin dandeenyeef yaada jijjiiramuu qaba jedhu waan argameef, bu’aan qorannoo kanaa mana maree sabaa aanichaaf dhiyaatee raggaasifameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.