Oduu: Sagantaan Nyaata Addunyaa qondaalli Itoophiyaa keessatti aangoo gadhiise hin jiru jedhe

Finfinnee, Waxabajjii 07/2023 – Sagantaan Nyaata Addunyaa fuula tiwiitaraa miidiyaa hawaasaa ofiisaa irratti ibsa kenneen qondaaltonni olaanoo dhaabbatichaa Itoophiyaa keessatti argaman aangoo gadhiisan jedhamu isaa haaleera. Hoggantoonni dhaabbatichaa aangoo gadhiisaniiru jedhamuun miidiyaalee adda addaatiin tamsa’uun isaa guutummaatti dogoggora ta’uu ibseera.

Qondaaltonni olaanoo Sagantaa Nyaata Addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii aangoo gadhiisuu isaanii marsariitiin ‘The New Humanitarian’ jedhamu maddeen isaa wabeeffachuun gabaasuun isaa ni yaadatama. 

Sagantaan Nyaata Addunyaa fuula tiwiitara isaa irratti akka maxxanseetti, Itoophiyaatti Daarektarri dhaabbatichaa Kilaawud Gibidar boqonnaarra kan jiru yoo ta’u, ammas miseensa dhaabbata keenyaati jedhe. Itti aanaa daayreektaroota dhaabbatichaa hundi hojii irra akka jiran kan ibse dhaabbaticha, itti aanaan daayreektarri Sagantaa Nyaata Addunyaa aangoo gadhiisuu isaanii himame Jeenifar Bitoondiin ammallee hojiirra akka jiran akeekeera. Aanga’aa ol’aanaa aangoo gadhiise akka hin jirrees ibseera.

Sagantaan Nyaata Addunyaa hanna gargaarsi nyaataa gargaaramtootaaf dhiyaatu irratti raawwatame jedhame qorachuuf jecha gargaarsa Tigraay keessatti taasisaa ture dhaabuun isaa ni beekama. Bu’aan qorannoo kanaa yeroo dhiyootti akka ifoomu eerameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.