Oduu: Itoophiyaatti hoggantoonni olaanoo Sagantaa Nyaata Addunyaa gita hojiisaanii gadhiisan

Finfinnee, Waxabajjii 06, 2023 – Hoggantoonni olaanoon sagantaa nyaata addunyaa damee Itoophiyaa (World Food Program) fedhasaaniitiin gita hojiisaanii gadhiisuu marsariin hawaasaa zaniiw hiwummaaniiteeriyaan jedhamu beeksiseera.

Daarikteeera dhaabbatichaa KKlaawdii Jibidaar fi itti aantuunsaa Jeenifar Bitoondii hojii gadhiisuuf iyyannoo galfachuu gabaaschi addeesseera.

Hojjattoonni kunneen gita hojiisaanii gadhiisuun kan himame battala dhaabbatichi saamichi miidhaan gargaarsaa raawwatamuu ibsuun gargaarsa naannoo Tigraay keessatti hojjatu yeroodhaaf addaan kutuu beeksisuun yakka kanarratti qorannoo kan gageessuu ta’uu ibseeni.

Bu’aan qorannicha ifa taasifama iedhamee yeroo eeggamutti gitasaanii gadhiisuun isaanii bu’aa sakatta’iinsa adeemsifamee kan walqabate ta’uu ifatti hin ibsine.

Pireezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay obbo Geetachoo Raddaa marii Afrikaa Lixaatti ergamaa addaa Ameerikaa Maayk Haamar wajjiin dhimma addaan cituu gargaarsa irratti mari’achuu beeksiseera.

Obbo Geetachoo Raddaa ergaa fuula twiitaraarratti dabarseen himannaa saamichaa miidhaan gargaarsaatiin walqabatee  banameerratti qorannooo adeemsisaa jiraachuu fi bu’aa qorannichaa ifa kan taasisu ta’uu Maayk Haamarii fi gareesaaniitiif ibsinee jirra jedhaniii ture. Gargaarsi jalqabame hatattamaan akka jalqabamu gaafachuu addeesseera.

Akka gabaasa marsarii kanaatti, saamichi miidhaan gargaarsaa Tigraay qofa keessatti osoo hin taane iddoolee hongeen hubaman kan akka naannoo Somaaliitti raawwatameera jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.