Oduu: Dhaabbanni gargaarsa namoomaa MSF gargaarsi midhaan nyaataa akka itti fufu gaafate

Finfinnee Adoolessa 08, 2023 – Dhaabbanni gargaarsa tajaajila fayyaatiin beekamu  Médecins Sans Frontières (MSF) jedhamu gargaarsi midhaan nyaataa Itoophiyaa addaan citee jiru haadholii fi daa’imman hubaa jiraachuu ibsuun gargaarsi hatattamaan akka itti fufu gaafateera.

Akka ibsa dhaabbatichaatti, Itoophiyaatti lammiileen miliyoona 20 ol ta’an keessumaa mooraa buqqatotaa keessatti argaman gargaarsa hatattamaa midhaan nyaataa kan barbaadan ta’uu ibseera. Haadholii ulfaa, deessuu, ijoollee umrii shanii gadii fi wal’aanamtoonni HIV balaa keessa jiru jedheera. Gargaarsi namoomaa dhabbachuun durayyuu lammileen hedduu dhibe hir’ina nyaataatiin hubamuu Itoophiyaatti hoggantuun dhaabbatichaa Kaaraa Bruuks himteerti.

Namoonni hongee, qaala’iinsa jireenyaa fi hokkoraan miidhamaa jiraachuu dabaltee ibsiteerti.  ”Namoonni hongee hammaataa waggoota kurnan hedduu ture, qaala’iinsa jireenyaa fi hokkora irraa deddeebiin uumamuun wajjiin wal’aansoo keessa jiru,” jetteerti.

Qorannoon MSF akka mul’isutti, Amajjii Ebla gidduutti haadholiin ulfaa fi deessuun 8,000 Tigraay, Shiree fi Shiraarootti ta’an dhibee hir’ina nyaataatiin hubamaniiru.  Haadholiin hir’ina nyaataa isaan qunname kunneen rakkoo yeroo da’umsaa fi daa’imman isaanii rakkoo fayyaa horachuu danda’u. Akkasumas, daa’imman 17,803 ta’an kiliinikoota Shiree fi Shiraarootti  argaman keesaatti argaman dhibee hir’ina nyaataattiin hubaman.  Murteen gargaarsa dhaabuu kuni rakkoo jiru daran kanhammeesse ta’uu eerameera.

Naannoon Somaalii fi Gaambeellaa keessatti daa’uimman hedduu dhibee kanaan hubamaniiru. Mooraa buqqaatotaa Gaambeellaa Kuleetti lakkoOfsi daa’imman dhibee kanaan hubamanii dachaan dabaleera. Bara 2022 ji’aan daa’imman 44 kan rgaman yoo ta’u bra 2023 garuu gara 86tti guddateera.

Nyaata gahaa argachuu dhabuun rakkoo daa’imman mooraa buqqatotaa keessa jiran keessaa isa jalqabaati. Gargaarsi namoomaa buqqatotaaf taasifamuu garmalee hir’aachaa dhufeera jechuun rakkoon kuni balaa ture kan hammeessu ta’uu ibseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.