Dhugaan suuraa dargaggoo shanii harka isaanii duubatti hidhamanii boola keessatti gataman duuba jiru maali?

Dargaggoonni shanan harki isaanii duubatti hidhamee boollatti gataman. (Suuraa: Miidiyaa hawaasaa)

Geetahun Laggasaatiin @Birmaduu2

Finfinnee, Adoolessa 07/2023 – Suuraan dargaggoo shan harki isaanii duubatti hidhamee ijji isaanii haguuggamee boolla keessatti ugguramanii mul’isu tibbana miidiyaa hawaasaarra naanna’aa tureera. Taatee kanaan walqabatee namoonni garaagaraa yaada garaagaraaa karaa miidiyaa hawaasaatiin ibsachaa turaniiru.

Haata’u malee, yoom-eessa suurichaa dabalatee dhugaa suuraa kana duuba jiru maal akka ta’e hubachuuf Addis Standard namoota dhimmichatti dhiyeenya qaban lama dubbisuun adda baafateera.

Akka maddeen lamaan Addis Standard dubbisee ibsanitti taateen kun godina Wallagga Lixaa aanaa Qilxuu Kaarraa magaalaa Qilxuu Kaarraatti kan raawwatamedha. Dargaggoo shanan hidhamanii boolla keessatti mul’atan kunneen Obsii Dinagdee, Tasfaayee Tarfaasaa, Iyyaasuu Kaasaahun, Abbabaa Dhufeeraa fi Dassaalany Bulchaa kan jedhaman yoo ta’an, jiraattotuma aanaa Qilxuu Kaarraa ta’uu madden Addis Standarditti himaniiru.

Torban lama dura shakkii Waraana Bilisummaa Oromootiin hidhata qabu jedhuun humnoonni tika mootummaa magaala keessaa adamsanii erga hidhanii booda gara mooraa raayyaa ittisa biyyaa aanicha keessatti naannoo mana barumsa sadarkaa lammaffaa Qilxuutti Kaarraatti argamu geessuu jiraattonni kunneen himaniiru.

Raga bahaan keenya kan jiraataa magaala Qilxuu Kaarraa ta’ee fi dargaggoota shanan keessaa isa tokkoon fira kan ta’e maqaansaa akka hin eeramne gaafate Addis Standarditti akka himetti, dargaggoonni kunneen haleellaa fi reebicha cimaa keessa darban jedheera. Shanan keessaa inni tokko garmalee waan dhukkubsateef wal’aansaaf mana yaalaa akka deemu erga eeyyamameefii booda mana yaalaatti dhaqee gaafachuu kan ibse namni kun, dargaggoon kunneen akkuma harki isaanii duubatti hidhametti boollatti gatamanii dararamaa turan jedhe.

Ragaan Addis Standard dubbise fi fira miidhamaa tokko kan ta’e kun maatiin dargaggoota kanneenii nyaata haa geessan malee haala dargaggoonni kunneen keessa jiran garuu kan hin beekne ta’uu ibseera.  “Waqtii roobaa kanatti hamma yoonaatti haala kanaan dararamaa jiru yoo ta’e hundi isaaniyyuu dhukkubsachuun isaanii hin oolu,” jedheera.

Jiraataan magaalattii biraa fi hiriyyaa dargaggoota qabaman keessaa isa tokkoo ta’uu ibsuun kan maqaansaa akka hin eeramne gaafate akka jedhetti, ijoolleen kunneen shakkii “meeshaa fi odeeffannoo” WBO’dhaaf laattu jedhuun qabaman jedheera.

Magaala keessaa qabamaniii gara mooraa raayyaa ittisa biyyaattii fudhatamanii booda boolla akka qotan erga dirqamanii booda boolluma ofiisaaniitii qotan sana keessa akka ciisan dirqisiifamuu dabalee himeera.

Akka nama kanatti dargaggoonni kunneen erga qabamanii kaasee hanga har’aatti halkanii fi guyyaa boolla kana keessatti dabarsu. “Boolla kana keessa oolanii buluu, roobaa fi aduun achumatti isaan rukuta,” jechuun isaan keessaa tokko kan Obsaa Dinagdee jedhamuu dhukkubsatee waan tureef gara mana yaalaa akka dhaqee akka wal’aanamuuf wabiidhaan gadi lakkifamee kan ture yoo ta’u guyyaa afur booda gara maatiisaa erga deebi’ee booda humnoonni kunneen hordofanii deebisani fudhatan jedhan.

Haala dargaggoonni kunneen yeroo ammaa keessa jiran maal akka fakkaatu ifatti kan hin beekne ta’us boolluma sana keessa jiraachuu danda’u shakkii jedhu kan qaban ta’uu himaniiru.  Maatiin ijoollee kanneeniif nyaata geessaa kan jiran ta’us ijoollee kanneeniin garuu wal qunnamuu hin danda’an waan ta’eef yeroo ammaa kana haala isaan irratti argaman kan hin beekne ta’uu himaniiru.

Fuulli isaanii hidhameera waan ta’eef halkanii fi guyyaayyuu adda baasanii hin beekan,” jechuun haala sukkaaneessaa keessa jiru jedheera. Suuraa ijoollee kanneenii kaasuun kan baase miseensota raayyaa ittisa biyyaa dhalataan Oromoo ta’an mooraa waraanaa sana keessa jiraatanii dha jedheera.

Dhimma kana irratti Addis Standard qondaaltota mootummaa aanichaa dabalatee qaamolee mootummaa dhimmi ilaallatu qunnamuuf yaalii taasise hin milkoofne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.