Oduu: Gocha namoota dirqisiisanii dhabamsiisu Itoophiyaa keessatti dabalaa jiru atattamaan dhaabbachuu qaba: KMNI 

Finfinnee, Waxabajjii 05/2023 – Kominishiin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) gocha dirqiin dhabamsiifamuu (Enforced Disappearance) erga yeroo dhiyoo as Itoophiyaa keessatti dabalaa jiru ilaalchisee ibsa baaseen, mootummaan gocha humnaan butamuu kana dhaabsisuuf tarkaanfii barbaachisu hunda akka fudhatu, namoonni achi buuteen isaanii dhabaman hundi hatattamaan akka hiikaman, gochoonni raawwataman irratti qorannoon guutuun gaggeeffamee itti gaafatamummaan fi haqni akka mirkanaa’uu gaafateera. 

Kominishinichi gocha dirqiin dhabamsiifamuu (Enforced Disappearance) erga yeroo dhiyoo as Itoophiyaa keessatti dabalaa jiru fi dhimma namoota haala hidhaa isaanii osoo hin beekamiin hidhaa keessa jiran ilaalchisee magaalaa Finfinnee, naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti odeeffannoo sassaabaa turuu ibseera.

KMNIn, komii fi yaada magaalaa Finfinnee, naannoo Oromiyaa fi Amaaraa irraa argame irratti hundaa’uun gochoonni humnaan dhabamsiisuu hedduun akka raawwataman mirkaneessuu beeksiseera.

Yeroo baay’ee miidhamtoonni ajaja mana murtii malee mana, bakka hojii ykn daandii irraa hojjettoota tika mootummaa siiviilii fi uffata uffataniin qabamanii ergasii gara bakka hin beekamnetti geeffamu. Gariin guyyoota, torban ykn ji’ootaaf dhokfamanii akka deebi’an kan gabaafame yoo ta’u, kaan ammoo hanga ammaatti humnaan dhokfamanii jiru.

Miidhaamtoota kunneen keessa muraasni yeroo qabaman yakkaan barbaadamaa akka turan itti himamee gara waajjira poolisii idileetti geeffamanii booda achi buuteen isaanii kan dhabame yoo ta’u, gariin isaanii osoo hin himamiin humnoota nageenyaatiin dhabamsiifamaniiru.

Akka ibsa KMNI baase ibsutti, naannoo Oromiyaa keessatti yoo xiqqaate namoonni 7 godinaalee adda addaa irraa humnaan achi buuteen isaanii dhabamsiisuun kan gabaafame yoo ta’u, irratti hordoffiin taasifamaa jira. Isaan keessaa jiraataa godina Wallagga Lixaa aanaa Gobbuu Sayyoo ta’e tokko ni argama. Namni kun Waxabajjii 01, 2022 hiriyyoota isaa sadii waliin poolisii aanaatiin qabamee erga hidhame booda Waxabajjii 16 hidhamtoota kaan irraa adda bahee gara buufata poolisii magaalaa Naqamteetti akka geeffame maatiitti kan itti himame yoo ta’u, guyyaa sanaa kaasee garuu eessa akka jiruu fi haalli isaa hin beekamne.

Haaluma walfakkaatuun miseensi Koree Giddugaleessaa Kongirasii Federaalistii Oromoo (KFO) fi qindeessaa KFO godina Wallagga Bahaa ta’e Onkololeessa 18, 2022 naannoo sa’aatii 10:00tti ALI waajjira isaa irraa humnoota nageenyaa mootummaatiin qabamee, waajjira nageenyaa magaalaa Naqamtee keessatti hidhamuun, reebicha cimaa akka irra gahe maddoota odeeffannoo irraa hubachuu kan ibse komishinichi, namni kun Onkoloolessa 23 irraa eegalee dhabamuu ibseera.

Kana malees, namni magaalaa Buraayyuu iddoo Ashawaa Meedaa jedhamu irraa Poolisoota Humna Addaa Oromiyaatin qabame ture fi namni biraa magaalaa Sulultaa irraa miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa lakkoofsaan 20 ol ta’aniin qabamee ture hanga ammaatti achi buuteen isaanii dhabamuu akka mirkaneesse ibseera.

Miidhaamtoonni kunneen keessaa muraasni isaanii waajjira poolisii jalqaba galmaa’an irraa adeemsa jijjiirraa iddoo shakkamaa fi hidhamtootaa idileetiin ala halkan fudhatamu jedhe. 

Magaalaa Finfinnee keessatti namoota kanaan dura Caamsaa 02 irraa eegalee humnaan dhokfaman keessaa tokko tokko turtii yeroo adda addaaf erga dhokfamanii booda gara Waajjira Poolisii Federaalaatti akka geeffaman, turtii ukkaamfamanii turan sana keessattis naannoo Oromiyaa magaalaa Shaggar naannoo Galaan jedhamutti turuu isaanii hubachuu beeksiseera.

Naannoo Amaaraa keessattis miseensi Raayyaa Ittisa Biyyaa tokko waraana isaa ganeera jedhamuun abbaa isaa jiraataa bulchiinsa magaalaa Baahirdaar ganda Warab ta’an mucaa kee fidi jedhamanii Caamsaa 06 erga humnaan fudhatamanii ukkaamfamanii booda Caamsaa 24 gadi lakkifamaniiru.

KMNI gochi humnaan butamuu kun mirgoota bilisummaa, lubbuun jiraachuu, gocha dhoksaadhaan hidhamuu fi dararaa irraa eegamuu, haqaa, fayyaa, hojii fi barnoota dabalatee mirga namoomaa hedduu nama dhokfamee jiruu fi maatii isaa sarbuun miidhaa guddaa geessisaa jedhe.

Komishinarri olaanaa KMNI Dr. Daani’eel Baqqalaa akka jedhetti, “Mootummaan gocha humnaan butamuu kana dhaabuuf tarkaanfii barbaachisu hunda fudhachuu qaba, namoonni achi buuteen isaanii dhabaman hundi hatattamaan akka hiikaman, gochoonni raawwataman irratti qorannoon guutuun gaggeeffamee itti gaafatamummaan mirkanaa’uu qaba, akkasumas hamma rakkoo kanaa ilaalcha keessa galchuun garee qorannoo walabaa biyyoolessaa hundeessuun miidhamtoota gochichaa barbaaduu fi haqa mirkanaa’uu qaba,” jechuun cimsee hubachiiseera.

Komishinarichi itti dabaluudhaan, “Mootummaan miidhamtoota yakka kanaaf furmaata kennuun akkuma jirutti ta’ee yakka kana karaa bu’a qabeessa ta’een ittisuuf gargaara; Itoophiyaan waliigaltee namoota humnaan dhabamsiisuu irraa ittisuuf bahe (International Convention for the Protection of All Persons from Enforced Disappearance) hatattamaan fudhachuun akka raggaasiftu waamicha ni goona,” jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.