Oduu: Mootummaan naannoo Amaaraa Zamana Kaasee hiikuun Iskindir Naggaa barbaadaa jira

Finfinnee Waxabajjii 05, 2023 – Mootummaaan Naannoo Amaaraa hogganaa hidhattoota Amaaraa Faannoo Zamana Kaasee hidhaa ture gadi lakkisuun itti gaafatamaa paartii Baaldaraas durii Iskindir Naggaa kan yeroo ammaa dhaaba siyaasaa Adda Tokkummaa Amaaraa jedhu ijaaraa jiru barbaadaa jiraachuu addeesseera.

Mootummaan naannoo Amaaraa ibsa Waxabajjii 27, 2015 baaseen,  Iskindir Naggaa too’annoo jala oolchuuf “sochiisaa adamsaa jira” jiraachuu beeksise.

Manni murtii naannoo Amaaraa magaala Baahirdaarii fi naannawashee tajaajilu ji’a sagal hidhaa erga tursiisee booda “yakka homaatuu hin arganne” jechuun Caamsaa 27 Zamana Kaasee bilisa akka bahu murteesseera.

Zamana Kaasee yeroo too’annoo pooolisii jala turetti himanni garaagaraa irratti kan banaman yoo ta’u himanni ijoon garuu nama duula seera kabachiisuurra ture ajjeesiseera kan jedhu ture.  Haata’u malee, “himanni yakkamaa isaan taasisu hin jiru” jechuun manni murtichaa Caamsaa 25, 2015 murtee dabarsuun Zaman Kaasee bilisaan gadhiisuu abukaatoon yakkamtichaa Sagalee Raadiyoo Jarmaniitti himaniiru.

Zamana Kaasee hidhaadhaa erga bahanii booda suur-sagalee miidiyaa hawaasaarra naanna’aa ture akka mul’sutti ummanni Amaaraa karaa hedduun kiyyoo keessa galeera jedhe. Gochaan kuni hatattamaan dhaabbachuu qabas jedhaniiru. Dhiiras ta’ee dubartii umrii fi fayyaa kan qabu hundi hojii qaba waan ta’eef manasaa taa’uu hin qabu jedheera.

Poolisiin naannooo Amaaraa Zaman Kaasee too’annoo jala kan oolche Fulbaana 11, 2015 manasaa magaala Baahirdaar ganda 03 keessatti birrii 500,000 wajjiin ture.

Oduu walfakkaatuun, humni nageenyaa fi tasgabbii waloo ibsa baaseen Iskindir Nagaa fi hordoftootasaa naannoo Amaaraa godina Gojjaam Bahaa mana qulqullummaaa (gadaamii) Dabra Eliyaas keessa turan irratti tarkaanfii fudhachuun kaayyosaanii naannicha hokkora keessa galchuu fashaleessuu ibsee ture. Iskindir Naggaa fi hordoftootisaa miliquuf kan yaalan ta’us too’annoo jala oolchuuf faana dhahaa jiraachuu humni waloo kuni ibseera.

Tarkaanfii fudhatameen iddoo dahannaa (mishigii) Iskindir Naggaa fi hioordofttotisaa itti fayyadamaa turan cabsuun hidhattoota 200 ol irratti tarkaanfii fudhachuu dabalee addeesssee ture.

Ibsa koreen angeenyaa kuni miidiyaalee mootummaatiin dabarseen Iskindir Naggaa olaantummaaa yaadaatiin moo’achuu waan dadhabeef yeroo adda addaatti magaala Finfinnee keessatti hokkora kaaasuu yaalaa tureera jedhe.

Haata’u malee, tooftaaleen kunneen hin milkaa’iniif waan hafeef aangooo mootummaa humnaan dhuunfachuuf waahillan isaa Shimallis Simaachoo, Sawmahoon Warataa fi Mnabaruu Kaasee fi “humnoota finxaaleyyii naannoo Amaaraa” wajjiiin ta’uun hidhattooota filuu, leenjisuu fi bobbasaa turu ibsichi eereera. Humna axdaa kana biyya keessaa Iskindit mataansaa kan hogganu yoo ta’u isa biyyaa alaammoo ajajaan dhiibbaa Daawit Waldagiyoorgis hogganaa tureera. Graeen lamaan kunneen wal deeggaruun kunneen qabsoo hidhannoo gaggeessuun ummata naannichaa gara waraana dhuma hin qabnetti galchuuf hojjataa turan jedheera.

Bulchaan mana qulqullummaa (gadaamii) Dabra Eliyaas kan Gojjaam Bahaatti argamuu Abbaa Elsaa’iin hojii seeraa alaa kanaaf fayyadamaa turaniiru.  Bulchaan mana qulqullummaa kanaas gadaamicha keessa akka socho’an eeyyamuurra darbee meeshaa waraanaa galchuunii fi humnoota kanneen wajjiin bobba’uu ibsichi ifa taasiseera.  

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.