Oduu: Daandiin Gaambeellaa irraa gara Shabal Dambi Dollootti geessu sababa rakkoo nageenyaatin waggoota sadiif cufame ture banaa ta’e

Finfinnee, Waxabajjii 05/2023 – Daandiin Naannoo Gaambeellaa irraa gara Naannoo Oromiyaa Shabal Dambi Dollootti geessu rakkoo nageenya naannicha keessa tureen waggaa sadiif erga cufamee ture booda “tarkaanfii seera kabachiisu” Raayyaan Ittisa Biyyaa fudhateen banamuu Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajaja Giddugaleessaa Daalolitti ajajaa olaanaa kan ta’e Koloneel Dassaalanyi Mulaaw ibseera. 

Raayyaan Ittisa Biyyaa dirqama nagaa kabachiisuu naannoo sanaa sirnaan bahuun nagaa buusuu danda’eera jedhe.

Hoggantoonni mootummaa fi ummanni raayyaa ittisa biyyaa hordofuun nagaa buusuuf gumaachan galateeffamuu akka qaban ibsuun, hawaasni bal’inaan walga’ee walitti dhufeenya gabaa cimsuuf karaan deebi’ee akka hin cufamneef hoggantoonni mootummaa itti gaafatamummaa isaanii bahachuu qabu jedhe.

Hogganaan Waajjira Nageenyaa Naannoo Gaambeellaa Yonaas Abbabaa gama isaatiin, Raayyaan Ittisa Biyyaa naannawa sanatti nagaa buusuuf carraaqqii taasisuu isaanii fi daandiin banamuu isaaf galateeffateera.

Mootummaan naannichaa carraa nagaa argame dagaagsuun hariiroo ummata naannoo ollaa waliin jiru cimsuuf kan hojjetu ta’uu beeksiseera.

Bulchaan Aanaa Anfilloo Nagaash Qana’aa gama isaatiin, waggoota sadan darban keessatti walitti bu’iinsa uumameen ummanni haala hamaadhaan miidhamuu eeruun, keessattuu daandiin naannoo Gaambeellaa waliin wal qunnamsiisu addaan cituun jireenya dinagdee fi hawaasummaa keessatti rakkoo uumameera jedhe.

Fuulduratti wal jijjiirraan daldalaa akka jiraatuuf, akka ummanni balaa malee naannoo sanatti socho’uu fi hojjechuu danda’uuf mootummoonni fi ummanni naannolee lamaan ciminaan hojjechuu akka qaban hubachiiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.