Oduu: ABOn ayyaana waggaa 35ffaa tamsaasa raadiyoo Sagalee Bilisummaa Oromoo kabajuuf qophaa’aa jira

Finfinnee, Caamsaa 24/2023 – Paartiin Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Sagaleen Bilisummaa Oromoo (SBO) waggaa 35ffaa tamsaasa raadiyoo itti eegale Waxabajjii 17, bara 2023 kabajuuf qophaa’aa jiraachuu ibseera.

Akka beeksisa paartiin ibsuu “SBOn guyyaa itti hundeeffame, Waxabajjii 15, bara 1988 irraa qabee hanga har’aantanaatti adeemsa qabsoo dheeraa keessatti carraaqqii qilleensa irraa dhaamsuuf diinni taasisu hundumaa dandamatee gumaacha oláanaa waliin waggaa 35ffaa isaa kabajuuf qophaawaa jira. Kurmaana bar-dhibbee tokkoof ummata Oromoo barsiisuu, ijaaruu fi qabsoo hiree murteeffannaaf kakaasuudhaan gumaachi SBOn taasisaa yoona gahe arraata ABO kana meediyaalee dhimma qabsoo Oromoof hundaawan kamuu keessaa isa hangafa taasisa.”

ABOn itti dabaluudhaan akkaa jedhee ayyaana Waggaa 35ffaa, guyyaa hundeeffama SBO kana ummata keenya Oromiyaa fi addunyaa mara irratti argamu waliin yoo kabajannu gammachuu guddaatu nutti dhagahama. Hundi keessanuu bakkuma jirtanitti nu waliin tahuun ayyaana seena qabeessa kana irraa akka qooda fudhattan afeeramtanii jirtu.

Waggoottan 35 dabraniif SBO jiraachisuuf karaa adda addaa haala seenaan hin daganneen warra gumaachaa turtan maraaf galatni Bilisummaa dha. Ayyaana kana milkeessuuf, akkasumas, gara fuula duraattis SBO raadiyoo keessan tamsaasa irra jiraachisuuf karaa maallaqaa, yaadaa fi gorsa ijaaraa gumaachuun akka nu cinaa dhaabbattan hiree kanaan waamicha goona. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.