Oduu: Siinoodoosiin Itoophiyaa hariiroo Tigraay wajjiin qabu qajeelchuuf waadaa gale; gargaarsa namoomaa miliyoona 20 kenna jedhe

Finfinnee, Caamsaa 25, 2023 – Sinoodoosiin qulqulluu mana amantaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaa marii dhiyeeenya kana taa’een murteewwan murteessaa kan akka gaaga’ama namoomaa Tigraay furuu, hariiroo hawaasa Ortodooksii gidduu jiru cimsuu, yaalii nageenyaa buusuu gargaaruu fi rakkoo Oromiyaa keessa jiru furuudhaaf fayyadan dabarseera jedhe.

Manni amantichaa ibsa kaleessa baaseen, Qulqulluun Abuna Maatiyaas gargaarsa hatattamaaf birrii miliyoona 20 ta’u kaaba Itoophiyaaatti waraanaa hubaman gargaaruuf oolu kan gumaachan ta’uu beeksiseera. Gargaarsi kuni rakkoo ummata dararamee sana furuuf oola jedheera.

Rakkoon hafuuraa fi bulchiinsaa mana amantichaa keessa iraachuu eeruun hawaaasa Orotodooksii gidduutti tokkumman barbaachisaa ta’uu hubachiisan. Hariiroo kana cimsuuf koreen kan hundaa’e ta’uu hbiman. Hojiin koree kanaa qaamolee dhimmi ilaallatu gidduutti marii, araaraa fi wal amantaa diriirsuu ta’a jedheera.

Ibsi siinoodoosiin kuni manni lubummaa Tigraay phaaaphaasota mataasaanii mudachuu Caamsaa 23 beeksisuu hordofeeti.

Siinoodosiin kuni kanaan dura abbootii amantaa Tigraay bulchiinsa seerummaa hin qabne ijaaruutiin isaan yakkee ture.

Kana malees, koree nageenya buusuuf hojjatu hundeessuu siinodoosichi himeera.koreen hundeeffame kuni nagaa, marii fi tokkummaa kan dhaadheessuudha.

Rakkoo Oromiyaa keessa njiru yeroo ibsan garuu tajaajilli iddoo garaagaraatti addaan citee jiraaachuu fi amnatoonni fi tajaajiltonni hidhamuu ibseera.

Rakkoo kana furuuf naannoo Oromiyaatti phaaphaasota torbaa nan muuda erga jedhee booda marii mootummaa naannoo Oromiyaa fi feederaalaa wajiin itti fufiinsaan taasisa jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.