Oduu: Waldhabdee Naannoo Gaambeellaatti uumameen lubbuun namoota sagal darbe, namoota 17 irratti miidhaa gaheera

Finfinnee, Caamsaa 25/2023 – Waldhabdee naannoo Gaambeellaa, aanaa addaa Itaangi fi magaalaa Gaambeellaa keessatti uumameen lubbuu namoota sagal darbuu fi namoota 17 irratti miidhaa salphaa fi ulfaataa gahuu waajjira kominikeeshinii naannichaa beeksise.

Ibsa waajjirichi har’a baaseen pirezdaantiin naannichaa Umod, waldhabdeen namoota dhuunfaa Aanaa addaa Itang gandoota Pinywaa fi Ler keessatti jiraatan gidduutti uumame gara walitti bu’iinsa fi jeequmsatti geeddaramuun magaalaa Gaambeellaa keessatti rakkoon nageenyaa uumame akka ture ibseera. 

Rakkoon nageenyaa uumamee ture hojii qindoomina qaamolee nageenyaa naannoo fi federaalaa hojjetaniin to’annaa jala ooleera jedhe.

Qaamoleen ummata jaarraa hedduuf gamtaa fi obbolummaan jiraachaa ture addaan baasuuf yaalan akka jiran eeruun, shirri isaanii carraaqqii hawaasaa fi humnoota nageenyaatiin fashalaa’uu ibsaniiru.

Pireezdaantichi itti dabaluudhaan namoonni miidiyaa hawaasaa fayyadamuun odeeffannoo sobaa ummata irratti facaasan gocha isaanii irraa of qusachuu qabu jedhan. Qaamoleen nageenyaa federaalaa fi naannoo rakkoo nageenyaa osoo miidhaa guddaa hin geessisin to’annoo jala oolchuu isaaniif galateeffataniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.