Oduu: Lixa Oromiyaatti jiraattonni 800,000 ta’an gaaga’ama namoomaatiif saaxilaman: OCHA

Finfinnee Caamsaa 26, 2023 – Rakkoo nageenyaa lixa Oromiyaa keessumaa godinoota Wallaga Bahaa fi Lixa keessatti uumameen walqabatee lammiileen 800,000 ta’an gaaga’ama namoomaa hammaachaa jiruun miidhamaa jiraachuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qindeessaan gargaarsa namoomaa (UNOCHA) gabaase.

UNOCHA’n ibsa Caamsaa 25 baaseen,  rakkoo nageenyaa bara 2020 eegalee tureen walqabatee gaaga’amni namoomaa lixa Oromiyaa keessumaa godinoota Bahaa fi Lixa Wallaggaa hammaataa dhufeera jedhe. Dubartoonnii fi daa’imman qe’eesaaniirraa buqqa’an rakkoo gaaga’ama namoomaaf kan akka maatiirraa gargar bahuu, miidhaa koornayaa,  miidhaa qaamaa fi maloota rakkoo dandamachuu miidhaa qaban garaagaraatiif saaxilamoo ta’uu addeesseera.

Rooba waqtiisaa hin eeggatiniin walqabatee lolaa heektaara 35,000 irratti mudateen naannoolee Oromiyaa, Somaalii, Saba Sablamootaa fi Uummatoota Kibbaa, Kibba Lixa Itoophiyaa fi Affaar keessattti badii fi buqqaatii qaqqabsiiseera.

Roobni fi lolaan mudate kuni weerara dhibee Kooleeraa mudatee tuere kan hammeessuu ta’uu gabaasichi eereera. Erga Hagayya 2022 weerarichi mul’atee hamma Caamsaa 15, 2023’tti aanaalee naannolee Koleeraan itti gabaafame keessa jiran 55 keessatti namoonni 7,400 ol ta’an Kooleeraatiin qabaman keessaa 116 du’uu ifoomse. Buufataaleen fayyaa cufamuun yookiin barbadaa’uun walqabatee namoonni dhukkubaan qabamanii fi duutii dabaleera.

Akkasumas, lammiileen kibbaa fi baha Itoophiyaa keessa jiraatan ji’oota hedduuf rakkoo jijjiirama qilleensaatiin hubaman gargaarsa lubbuu baraarruu barbaaduu jedheera.

Gaanfa Afrikaatti lammiileen miliyoona 32 ta’an Itoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaa keessa jiraatan jijjiirama qilleensaatiin hubaman gargaarsa kan barbaadan ta’uu gabaasichi yaadachiiseera.

Akkasumas, namoonni 100,000 ta’an bara 2023 waraana biyya Somaaliyaa, Laas Caanooditti mudate baqatanii gara naannoo Somaalee godina Zooloo galan gargaaruuf baajanni dabalataa ni barbaachisa jedheera.

Lammiileen haleellaa aanaalee Giddaa Ayyaaanaa fi Kiiramuu kessatti uumame dheessuun gara magaala Giddaatti baqatan 30,000 ol ta’an hanqina nyaataa fi tajaajila fayyaa hamtuu keessa jiraachuu Addis Standard Afaan Oromoo gabaasee ture. Qondaalonni mootummaa godinoota lamaanii buqqaatonni kunneen gara qe’eesaanitti akka deebi’an dhiibbaa gochaa kan turan yoo ta’u jiraattoonni sodaa nageenya jiru eeruun deebi’uuf fedhii kan hin qabne ta’uu himanii ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.