Oduu: Oromiyaatti waraanni mootummaa fi WBO gidduutti cimee itti fufeen lammiileen nagaa ajjeefaman

Finfinnee, Caamsaa 18, 2023 –  Mareen nageenyaa marsaa tokkoffaa waliigaltee malee goolabamuu hordofee naannoo Oromiyaa iddoowwan garaagaraatti walwaraansi hammaataan meeshaa waraanaa gurguddaatiin deeggarame mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti cimee itti fufaa jiraachuu jiraattonni Addis Standard’tti himan.

Jiraataan godina Shawaa Lixaa aanaa Amboo iddoo addaa Wadeessa jedhame beekamu Addis Standard’tti akka himetti waraana Caamsaa 15 hamma 17 godhameen xiqqaatu qonnaan bultoonni nagaa shan ajjeefamaniiru.

“Namoonni ani mataan koo beeku shan ajjeefamaniiru. Waraanni ture hammaataa waan ta’eef meeshaan waraanaa gurguddaan dhukaafaman manneen namootaa fi loon irratti kufuun qonnaanbultoota ajjeeseera,” jiraataatu jedhe.

Waraanni kuni kan “kanaan dura agarre caala ulfaataadha” waan ta’eef namoonni ajjeefaman hedduu ta’uu danda’u jechunn sodaa qabu ibseera.

“Oduun marii nageenyaa gaafa dhageenyu nagaan nuuf bu’a jennee abadannee ka turre: garuu faallaa isaati waraanichi daran cimee jira,” jiraatichi dabalee jedheera.

Godina Horro Guduruu Wallaggaa Magaala Komboshaatti haaluma walfakkaatuun “lolli cimaan loltoota mootummaa fi WBO gidduutti Caamsaa 17 ganama sa’aatii 12:00 hamma 4:30 tureera,’ jechuun jiraataan magaalichaa maqaan isaa hin eeramne gaafate Addis Standard’tti himeera.  

Jiraataan kuni akka ibsetti waraana cimaaan erga godhaamee booda loltoonni WBO magaalicha too’annoosaanii jala oolchuun hidhamtoota bilisa baasaniiru, akkasumas mana kuusaa magaalattii keessatti argamu cabsanii seenuun xaa’oo qonnaanbultootaaf raabsaniiru. Waraana kana keessatti manneen jireenyaa uummataas gubamaniru jedhe.

Haaluma walfakkaatuun,erga waraanni cimaa godhamee booda magaalli Daaduu kan fageenya 24km irratti argamtus too’annoo WBO jala galteerti.

Hojjataa warshaa sukkaara Fiincaa’aa kan aanaa godina Horro Guduruu keessatti argamuu kan ta’e tokko gandoota naannoo warshaa sukkaarichaatti dhiyoo argaman keessatti waraana ulfaataan guyyootaaf  turee jechuun gandooni tokko tokko tooo’annoo WBO jala galuu himeera.

Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosat keessatii Caamsaa 16 haleellaa hidhattoonni raawwataniin lammiileen nagaa lama ajjeefamuu poolisiin addeesseera.

WBO’n waraana baay’ee qophweessuun magaalattii seenuun mhidhamtoota mana sirreessaa keessa jiran bilisa baasuuf yaalii taasisuus humna poolisii aanaa Boosatiin dhoorkamaniiru jechuun hogganaan poolisii aanichaa komaandar Mohaammad Seefuu BBC’tti himaniiru. Waraana daqiiqaa soddoma hin caalleetu godhame jechuun  hidhattoota WBO sadii ajjeesuun kanneen hafantoo’annoo jala galchineerras jedhe.

Haleellaa hidhattoonni hin beekamne godina Caamsaa 14 Shawaa Bahaa magaala Bushooftuuutti mana sirreessaa irratti bananiin poolisoonni afur ajjeessuu Addis Standard gabaasee ture.

WBO’n haleellaa kana kan raawwate ta’uu miidiyaan Arraata Biyyaalessaa Oromiyaa gabaaseera.goolabamuu maree nageenyaa marsaa tokkoffaa hordofuun mootummaan haleellaa nurratti baneeras jedhaniiru. Mootumman “hawaasa addunyaatiif afaan nagaa dubbachaa nurratti haleellaa cimaa raawwachaa jira,” jechuun ibsan. Gochaa mootummaan raawwatu kana akka haalan hawaasa idiladdunyaatiif waamicha taasiseera.

Mareen nageenya marsaa tokkoffa odola Zaanzibaaritti taa’ame walhubannaarra geenyeeera haa jedhan malee waliigaltee wraaana dhaabuu hij mallatteessine ture. Haata’u malee gareen lamaan maree marsaa biraa ittti fufna jechaa turaniiru.

Haleellaa garee lamaan gidduutti godhamaa jiruun walqabatee ibsi mootummaaan baase hin jiru.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.