Oduu Durii: Akkoo Manooyyee

Finfinnee Caamsaa 18, 2023 – Dur durii giiftiin Oromoo biyya bulchitu Akkoo Manooyyee jedhamtu tokkotu turte. Giiftiin kun uummata garmalee rakkisaa turte. Namni hundumtuu odaa jalattii walga’ee Waaqayyoon galgalaa ganama harka isaanii gara samiitti olkaasanii yoo kadhatan, “Yaa Waaqi, giiftii gidiramtuu kana nurraa buqqisi” jedhanii kadhataa turan jedhama.

Gaaf tokko giiftiin tuni uummata walgayii waamtee namoota hojjaadhaan gaggabaaboo ta’an hundi akka ajjeefaman ajaja dabarsite. “Maaliif?” jechuun uummanni ishee gaafannaan, “Aangookoo keessa galanii waan jeeqaniif meeshaa waranaa qabdan hundaatti fayyadamuun balleessaa!” jettee ajaja dabarsite. Ummannis sodaachuun namoota gaggabaabaa fixanii, tokko hafnaan isas ajjeesuu dhaqan. Yeroo kana namichi gabaabaan kuni, “yeroo rakkinaafan isin fayyadaa na hambifadhaa.  Mootittiin kun gaaffii isin deebisuu hindandeenye isin gaafachuuf jirti. Yeroosiif ani qoricha keessan nan tahaa na hambifadhaa!” jedheen. Jarris gabaabaa tokkicha kana qofa geessanii holqa odaa keessa dhofkatan.

Akkoon Manooyyee erga kana raawwachiiftee booda, otoo deemtuu kanniisni ishee hidde. Achumaan galtee, gaaguraa fi kanniisa lafa kana irra akka balleessitan jettee labsii dabarsite. Uummannis namicha gabaabaa mala akka himuuf dhofkatan san mala gaafatan. Namichis, “mucaa isheetii fi isheef damma laadhaa!” jedhee uummata gorse. Uummanni akkuma gorfameetti damma hoggaa ishiif laatu,“gaaguraafi kanniisa hintuqiinaa” jettee labsii dura dabarsite jijjiirte.

Yeroo gabaabaa erga turtee booda, uummata yaa’ii waamte. Uummanni yommuu walga’u, teessoo ishiirraa kaatee dhaabbattee, “mana ani itti boqodhu samiif ardii gidduutti hatattamaan akka naaf ijaartan,” jettee uummata akeekkachiifte. Sana booda, uummanni gara lixu dhabe. Ni yaadan, ni dhiphatan, waan godhan wallaaluun ammas namicha gabaabaa san bira dhaquun mala gaafatan. Namichi gabaabaan sunis akkas jechuun gorse.

“Akka aadaa keenyaatti utubaa abbaatu dhaabbata, kottuu dhabbadhu; isarratti hundoofnee siif ijaarra,” jedhaanii jedhee uummata gorse. Isheenis, utubicha dhaabuuf yaalte, garuu ta’uu dide. Kanaafuu, ajaja kanas diigdee ajaja biroo dabarsite. Ajajni kan biraanis akkana jedha ture: “Tulluun gamasii sana biyyoota ani bulchaa jiru ilaaluu waan na dhoowweef tullicha diriirsaatii dirree taasisaa!” jettee ajaja dabarsite.

Ummannis gorsa namicha abshaalichaa irratti hundaa’uun yeroo ishee hirribni fudhate balbala cufaatii karaa tulluun hin mullanneen balbala baasan. Barii yeroo kaatu gama ishii yoo laaltu dirreen itti mullannaan, “ajajni koo amma kunoo fiixaan ba’ee,” jettee gammadde.

Qajeelfamni ishii kun darbee yeroo xiqqoo erga turtee booda, uummata walitti qabdee, “biyya koo daawwadhee waliin ga’uu waan dadhabeef, bineensa gafarsa jedhamu qabaa fidaaatii kooraa itti naaf fe’aa,” jettee ajajje. Uummannis mala barbaada nama gabaabaa sana bira dhaqan. Namichi gabaabaanis akkas jedheen: “Waaqayyo furmaata isiniif kennu.” Uummannis, “akkamitti?” jechuun gaafatan. Namichi gabaabanis akkas jedheen,”funyoofi shiboo qopheessaatii gara bosonaa deemaa gafarsa marsaa qabaatii akkuma isheen jettetti kooraa irrattii fe’aafii. Achumaan ishees irratti jabeessaa hidhaa,” jedheeti uummata gorse. Uummannis akkaatuma gorfameen gafarsa qabuun irratti ishee hidhe. Daandii isheen irra deemtu irratti darbee darbee boolla waan tureef gafarsichi otumaa deemu boollicha yoo lixu, rifatee utaalee ba’uun Akkoo Manooyyee fudhatee bosona keessa bade. Yeroo kana, ishee kuffisee lafarra harkisee hallayyaa buusuun lubbuu ishee dabarse. Uummannis sana booda nagaa argatee jireenya haaraafi gaarii jiraachuu jalqabe jedhama.

Madda: Fuula Facebook Fedhasaa Taaddasaa

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.