Seenessa: Qubsumaa fi aadaa Oromoon Gaanfa Afrikaatti qabu mul’isuu kaayyeeffadheen barreesse: Gamteessaa kaasaa

Caamsaa 02, 2023 – Keessummaan AS afaan Oromoo torban kanaa barreessaa fi hayyuu seenaa Oromooo obbo Gamteessaa Kaasaati. Itti dhiyaadhaa!

Seenaa koo

Maqaan koo Gamteessaa Kaasaati. Kanan dhaladhe dirree Oromiyaa Shawaa lixaa aanaa Jalduutti. Barumsa hogbarruu Afaan Oromootiin Yuunivarsiitii Haaramaayaatii bara 2001 ebbifame. Itti fufuun Yuunivarsitii Wallaggaatii qorannoo muummee qorannoo Afaan Oromootii digrii lammaffaa argadheera. Obbo Gamteessaan aansuudhaan barsiisaa ta’uudhaan iddoolee garaagaraatti tajaajilaa turaniiru. Yuunivarsitii Amboorraa Developmental studies jedhamuun digrii lammaffaa bara 2012 xumuraniiru. Kana malees, akkawuuntiingiii fi Ikonoomiksiitiin digrii jalqabaa qabu.  Obbo Gamteessaa gameeyyii Oromiyaan qabdu keessaa tokkoodha. Yeroo ammaa kana magaala Goojootti mana barumsa Koloneel Alamuu Qixxeessaatti barsiisaa jiru.

Waa’ee kitaabichaa

Kitaaba ani amma barreesse Waxabajjii 03, 2015 ALI eebbifamu deemu mata duree ‘seexaa dhalootaa’ jedhu kan qabu yoo ta’u kitaabichi kitaaba seenaati. Akka waliigalaatti seenaa ummata Oromoo kan ibsu yoo ta’u keessumaammoo aadaa fi duudhaa ummata Jalduu bara 1820 hamma 1980 irratti kan xiyyeeffatuudha. Kitaabichi haala qubsumaa, aadaa fi duudhaa ummata naannoo sanaa keessumaa sirna Gadaatiin walqabatee kan barreeeffameedha. Kitaabichi seenaa ummata naannoo sanaa bu’uuraa haa godhatu maleee seenaa Oromoo akkuma waliigalaatti agarsiisa. Qubsuma ummata Oromoo Gaanfa Afrikaatti ture fi jiru ni mul’isa. Seenaa, duudhaa, falaasamaa fi haala waliin jireenyaa hawaasaa naannichaa kana akka ekeraa dubbisuu, dhaha lakkaawuu, hooda himuu, maallimaa jedhaman kan bokkaa roobsanii fi  caamsan, moggaasa maqaa fi  milkii ilaaluu faa of keessatii hammateera. Qubsuma ummata naannaawa sanaa yoom akka qubate a fi gosa Oromoo kam akka ta’e qoranoo seenaa (anthropolgy) irratti hundaa’e ni ibsa.

Seenaa ogbarruu Oromoo

Kitaabonni seenaa Oromoo barreeffamoon jiran gahaa miti. Kitaabonni seenaa saba bal’aa kanaarratti barreeffaman xiqqoodha.  Seenaan ogbarruu Oromoo yeroo dhiyoo eegaluu fi afaanota biraatiinii fi saboota biyyattii birootiin barreeffamuun seenaa fi ogbaruu sabichaarratti dhibbaa uumeera. Qorattootaa fi barsiisota xiqqootu barreesse. Isaanis kutannoo mataasaaniitiin malee dhaabbanni isaan jajjabeesse yookiin deeggare hin jiru. Barreessitoonni akka piroofeesar Tassamaa fi Gammachuu Magarsaa (PhD) faa fi namoonni muraasi biroo haa barreessan malee dhaloonni ammaa kuni cimee hojjachuu qaba. Ni hafa waan ta’eef.

Siyaasaa fi dinagdeen qorannoo aadaa Oromoorratti danqaa ta’aniiru. Seenaa ummata tokkoo qorachuun humanaa fi maallaqa gaafata. Xiyyeeffannoo gama mootummaa fi yuunivarsitoota garaagaraatiin kennamaa jiru cimuu qaba.  

Kaayyoo kitaabichaa

Kaayyoon kitaaba kanaa seenaa Oromoo mul’isuu dha. Akkasumas qorannooo seenaa Oromootiif gumaacha akka ta’u yaaduudhaani. Ogbarruun Oromoo hanqina qaba waan tureef rakkoo sana salphisuu yaadeen barreesse. Inni biraammoo seenaa ummata Oromoo sirrii ta’ee barreessuun dhalootaaf dabarsuuf yaadamee barreeffame.  Qorattootaa biraatiif akka wabiitti ni gargaara. Biirooleen kaarikkulamii barnootaa bocanii fi dhaabbileen biroo kitaaaba kana akka wabiitti fayyadamuu danda’u jedheen yaada.

Kitaaba Biraa

Kitaabni ammaa kuni kitaaba lammafffaadha. Kanaan dura kitaaba asoosama cheeraa ‘ekeraa boqote’ jedhu bara 2009 maxxansiisuun ummataaf gumaacheera. Asoosama dheeraa yoo ta’u adeeemsa umrii dargaggummaa keessatti keessa darban kan mul’isuu fi akkamitti kaayyoosaanii galmaan gahuu akka danda’an kan agarsiisuudha; amaanaa ummataa baachuu mul’isa.

Obsaa fi Yaadanii

Taatoowwan ijoo lamaan Obsaa fi Yaadanii barattoota Yuunivarsitii Haramayaa kan turan yoo ta’u jireenya jaalalaa barattoota kanaarratti hundaa’uun wantoota mudatan kan seenessuudha. Yaadaniin Obsaa biraa eebbifamtee kan baatu yoo ta’u Obsaan jaalala isheetiin hubamuun barumsa addaan kan kutee ture. Haa ta’u malee, Obsaan deebi’ee barumsa galgala yuunivarsitii Naqamteettti barachuun barumsasaa xumuruun jireenya itti fufu seenessa. Asoosamichi abdii kutachuu dhiisuu kan barsiisuudha.

Rakkoolee mudatan

Inni tokkoffaa ragaa qabatamaa barreeffamaan argamu gadi aanaa turuusaati. Inni biraammoo namoonni hubannaa seenaa qaban baay’inaan dhabamuusaaniiti. Kan biraa hambaa fi suuraalee barbaadaman argachuu dhabuudha. Akkasumas, qaala’iinsa jireenya biyya keesa jiruun walqabatee kitaabicha maxxansiisuuff maallqa barbaachisu argachuu dhabuu.

Ergaa!

Namoonni seenaa qoratanii fi barreessan jalqabarratti fedhii qabaachuu qabu. Aarsaa barbaachuisu kaffaluuf qophaa’oo ta’uu qabu. Seenaan Oromoo jallattee akka hin seeneffamne madda qabatamaaa bira gahuun barreessuu qaba. Fakkeenyaaf lafaa fi madda ilaalamuu qabu bira gahanii daawwachuu fi dubbisuu qabu. Akkasumas, humnaa fi qabeenya qabnuun aadaa fi duudhaa guddisuuf fayyadamuu qabna jedheen amana.

Eebba Kitaabichaa

Kitaabi koo ‘seexaa dhalootaa’ jedhamu Waxabajjii 03, 2015 kan eebifamuuf jira.  Aanaa Burraayyuu hoteela Guutee kan ganda Keellaatti jedhamutti argamuttii eebbifama. Eebba kanarratti artiistoota fi anmoonni beekamoon ni argamu. Hawaasi oromoo argamuun gumaacha akka taasisan gaafadha.

Kaayyoo fulduraa

Qo’annoo fi qorannoo garaagaraa adeemsisuun kitaabotaa seenaa ummata Oromoo hedduu maxxansiisuun aadaa Oromoo Oromoodhaan akka barreeffamu taasisuudha. Aadaan oromoo Oromoodhaan barraa’uu qaba jedheen waanan amanuuf. Seenaa fi qubsuma ummanni Oromoo Gaanfa Afrikaatti qabu qixa sirriittin mul’isuun kaayyoo kooti.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.