Oduu: Humni waloo nageenyaa fi tasgabbii hokkora Masjiida Anwaaritti ka’een namoonni sadi ajjeefamuu, miseensonni humna nageenya 63 madaa’uu hime

Hokkora Masjiida Anwaaritti uumame, (Suuraa:DW)

Finfinnee – Humni waloo nageenyaa fi tasagbbii federaalaa hokkora masjiida guddicha Anwaaritti Jimaata kaleessaa mudateen walqabatee namoonni  sadi ajjeefamuu fi kanneen biroo madaa’uu. Qabeenya hammi isaa adda bahee hin beekamne barbada’uu fi miidhaa salphaa fi ulfaataan miseensota humna nageenyaa 63 ta’an irra gahuus ibseera.  

Barsiisaan amantaa Islaamaa Ustaaz Abuubakar Ahmad taatee sana booda “gocha gara jabina” humnoota nageenyaa qeeqee ture. “Ummata Musliimaa kadhannaa Jum’aa gochuuf gara Masjiida Anwaar baheerratti gara jabinaan dhukaasuun gochaa gara jabinaati”jechuun tarkaanfii fudhachaa jiran akka dhaabaniif humnoota nageenyaa mootummaa gaafateera. Akkasumas, namoonni madaa’an gara yaalaatti akka geeffaman ambulaansiif karaan akka banus gaafataa tura.

Koreen dhimmoota Islaamummaa Finfinnee ibsa kaleessa galgala baaseen, rasaasa humnoonni tika nageenyaa dhukaasaniin namni tokko ajjeefameera jedhe. Sheik Suulxaan Aman Ebbaa fi gaggessitoonni biroo rakkoo jiru furuuf Masjiida Anwaar dhaqaniirus jedhe. Hoggantoonni kunneen nama ajjeefame tokkoo fi hubame tokko gara mana yaalaa akka geeffamaniif gargaarsa godhaniirus jedhe. Namoota kadhannaaf dhufanii masjiida keessatti hafan akka nagaan bahanii gara mana isaanii akka galan taasisuus hime.

Humnii waloo tasgabbii fi nageenyaa ibsa miidiyaaleef ergeen, gochaa kana kan qindeesse humnota badii hordoftoota amantichaa doggorsiisuun hokkora babal’isuu barbaadaniidha jedhe. Haata’u malee tumsa humnoota nageenyaa, ummata Musliimaa fi gaggeessitoota amantaaatiin yaadi isaanii fashalaa’eera jedhe. Nageenya biyyattii tiksuuf tarkaanfii fudhachuu kan nitti fufu ta’uus akeekkachiiseera.

Dhaabbilee nageenyaa eegsisuuf hojjatan akka tmsaniif ummmata Musliimaa gaafateera. Gaaffiin ummataa karaa seera-qabeessa ta’een dhiyaachuu abas jedheera.

Jimaata darbe Magaala finfinnee masjiida guddicha Anwaaritti hiriira godhameen walqabatee hokkora ka’een lubbuun namoota lamaa darbee 40 ol kan ta’anirra miidhaan gahuun ni yaadatama. Hiriirri kuni diiggaa masjiidaa magaalota duraan naannaawa Finfinnee dhiyeenya kan magaala Shaggaritti makaman keesatti raawwtame mormuun ture.

Koomishiniin mirgoota dhala namaa Itoophiyaa ibsa baaseen lubbuun namoota lamaa darbuu ibsuun humnoonni nageenyaa humna akka hin fayyadamuun barbaachisaa miti jedheera. Humnoota nageenyaa ajjeechaa raawwatan adda baasuuf qorannoon addemsifamaa jira jechuun namoota 140 hidhaman akka gadi lakkifaman gaafateera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.