Oduu: Koreen Islaamaa ibsa mootummaa naannoo Oromiyaatti mufachuu ibse

Finfinnee Waxabajjii 02, 2023 – Koreen Dimmoota Islaamummaa Itoophiyaa ibsi mootummaan naannoo Oromiyaa diiggaa masjiidaatiin walqabatee baase fedhii hawaasa musliimaa kan bakka hin buunee jechuun mufachuu beeksise.

Korichi ibsa Kamisa baaseen rakkoo diiggaa masjiidaaa hiikuuf qondaalota olaanoo mootummaa wajjiin marii taasisaa jira jedhe.

Qaamoleen tokko tokko carraa kanatti fayyadamuun ajandaa siyaasaa galmaan gahuuf hojjatan waan jiraniif firii marichaa tasgabbiidhaan akka eeggatan Hawaasa Muslimaatiif dhaame.

MNO ibsa Roobii baaseen, “ijaarsa seeraan alaa” magaalota 600 ol ta’an nannichaa 600 ol keessatti raawwachaa jiraachuu ibsuun tarkaanfiin kuni seera qabeessadha jedhee ture.

Hogganaa biiroo sab-qunnamtii MNO obbo Haayluu Addunyaa duulli kuni masjiida diiguuf oduun jedhu qaamolee finxaaleyyii amantaa dahoo godhachuun “piroopaagaandaa fi ajandaa siyaasaati” qabaniiti jedheera.

Ibsi kuni kan bahe hiriira mormii Jimaata darbe Magaala finfinnee Anwaaritti godhameen walqabatee hokkora ka’een lubbuun namoota lamaan erga darbee fi 40 ol miidhaman booda ture.

Haaluma walfakkaatuun, koonmishiniin mirgoota dhala namaa Itoophiyaa ibsa baaseen lubbuun namoota lamaa darbuu ibsuun humnoonni nageenyaa humna akka hin fayyadamuun barbaachisaa miti jedheera. Humnoota nageenyaa ajjeechaa raawwatan adda baasuuf qorannoon addemsifamaa jira jechuun namoota 140 hidhaman akka gadi lakkifaman gaafateera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.