Oduu: Aanga’oonni fi hojjattoonni 400 ol ta’an weerara lafaatiin shakkaman seeratti dhiyaatan: Bulchiinsa magaala Shaggar

Finfinnee Waxabajjii 02, 2023 – Anga’ootaa fi hojjatoota mootummaa 400 ol ta’an kan magaalota naannawa Finfinnee yeroo ammaa magaala Shaggaritti makaman keessatti saamichi lafaa keessaa harka qabaachuu shakkaman too’annoo jala oolchuu bulchiinsi magaala Shaggar beeksise.

Saamicha lafaa kan duuba aanga’oonnii fi hojjattoonni mootummaa harka keessa qabaachuu amanuun isaan keessaa 400 seeeratti dhiyeessuu bulchiinsi addeesse.

Saamichi lafaa bulchiinsa magaalattiitti qormaata ta’eera jechuun yakki kuni waggaa kudhanii as garmalee dabalaa dhufuu kantiiibaan magaala Shaggar Obboo Tashoomaa Addunyaa (PhD) dubbataniiru. Manneen bara 2005 dura ijaaraman seerummaa kan qaban waan ta’eef hin diigamne jedheera.

Lafa qabaman keessaa harka 50 kan ta’u beekamtii bulchiinsaatiin ala karaa seeraan alaatiin kan qabamaniidha jedhe. Kanaafuu filannoon bulchiinsi qabu tarkaanfii seeraa fudhachuu qofa ta’uu ibsaniiru. Tarkaanfii kana fudhachuun dura hawaasa naannichaa wajjiin marii taaasfneerras jedhe.

Itti aaanaan Kantiibaa magaalattii obbo Gugsaa Dajanee gamasaaniitiin tarkaanfii diiguu jaqlabuun dura namoota 12,000 ta’an wajjiin mariin taasifamuu eereera.

Diiggaa manneen amantiitiin walqabatee lakkoofsi manneen amantii diigaman jedhamee kan nuti diigneen wal hin gitu jedhan jechuun diiguun dura abbootii amantaa wajjin marii taasifneen manneen kunneen seeraan ala ta’uu amanuun ijaarsi seeraa akka jijjiiramuuf gaafatanii ture jedhan.  

Rakkoo seera dhabdummaa balleessuu fi qabeenya lafaa too’achuuf maastar plaanii ammayyaawaa dijitaalaa qopheessineerra jedhan. Bara dhufuurraa eegalee lafti karaa seera qabeesssa ta’een lammiileedhaaf manni ni kennama jedhan.

Madda: EBC

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.