Oduu: Dhaabbanni mirga namoomaa Lixa Tigraayitti duguggaan sanyii itti fufeera jedhe

Finfinnee Waxabajjii 01, 2023 – Waliigalteen waraana dhaabuu mootummaa fi humnoota Tigraay gidduutti haa mallattaa’u malee duguuggaan sanyii Lixa Tigraayittii itti fufee jiraachuun dhaabbanni dhala namaaf mormu Human Rights Watch (HRW)  jedhamu gabaase.

HRW ibsa Waxabajjiii 01 baaseen, humnoonni naannoo Tigraay dhalattoota Tigraay  dararaa fi dirqiin buqqisaa turanii fi ammas raawwachaa jiran itti gaafatamummaa hin fudhanne jedhe. Mootummaan feederaalaa dhimmicha akka qoratuu fi yakkamtoota seeratti akka dhiyeessuus gaafate.

Waliigalteen waraana dhaabuu mallattaa’e kuni yakkoota duguugggaa sanyii naannichatti raawwataman dhaabsisuuu hin dandeenye jedheera. Haata’u malee, mootummaan Itoophiyaa yakkamtoota seeraaf dhiyeessuuf fedhii homaatuu hin qabu jechuun qeeqeera.

Haalli nageenyaa jiru amansiisaa waan hin taaneef buqqaatonni Lixa Tigraay gara qe’eesaanii deebi’uu hin dandeenye.

HRW qorannoo adeemsiseera jedheen qondalonni mootummaa kanaan dura yakka sarbiiinsa mirga dhala namaa raawwachaa turan kan akka Koloneel Dammaqaa Zawduu fi Balaay Ayyaaleew jedhaman yakka hidhaa jumlaa, reebichaa fi buqqisuu itti fufaniiru jedheera.

HRW ibsa kana kan baase rageessitoota raga baatota, hojjattoota gargaarsa namoomaa fi miidhamtoota 35 irraa odeeffannoo sassaabbadheera jechuun humnoonni Amaaraa fo qondaaalonni naannichaa dhalattoota Tigraay kan magaala Humaraa, Raawyaanii fi Adabaay keessa jiran manneen hidhaa garaagaraatti ugguranii jiru jedheera.

Humnootaa fi qndalota mootummaa naannicha keessa jiran itti gaafatamummaarraa ka’uun sakatta’iinsi akka godhamu gaafataeera. Dhimma kana mootummaa Itoophiyaatiif beeksisus deebii homaatu kan hin argatin ta’uus addeesseera.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.