Oduu: Badhaadhinni naannoo Amaaraa “tarkaanfii cimaa” fudhadha jechuun garee hidhattootaa akeekkachiise

Finfinnee Waxabajjii 01, 2023 – Paartiin Badhaadhina damee Amaaaraa ibsa guyyaa kaleessaa baaseen rakkoo nageenyaa naannicha keesa jiru furuuf humnoota hidhatanii naannicha keessa socho’an irratti “tarkaanfii cimaa” fudhadha jechuun akeekkachiise.

Paartichi ibsa kana kan baase battaluma marii idilee koree giddugaleessa paarti badhaadhinaa guyyaa kaleessaa goolabameen ture. Maricharratti dhimmoota biyyaallessaa fi paartichaarratti maria’chuun murtee dabarseera haa jedhu malee qabxiileen marichaa maal akka ture ifa hin taasifne. Nageenyaa fi tasgabbii naannicha buusuun dinagdee utubuuf jecha tarkaanficha kan fudhatuu ra’uu ibseera.

Olaantummaa seeraa kabachiisuu,hokkora too’achuu fi humnoota fedhii dhuunfaa humnaan galmaa gahuu barbaadan dhoorkuurratti ciminaan hojjachuuf kallattii kaa’eera. Akkasumas, sabadaneessummaa jabeessuudhaanii fi dhaabbilee haqaa jabeessuun  tokkummaa biyyaaleessaa cimsuuf hojjadha jedhe.

Badhaadhinni naannoo Amaara ibsa kaleessa ganaman baaseen, “humnoota badii” paarticha keessatti argaman hokkora kaasuuf hojjatan tokkuummaa keenyaaf danqa waan ta’aniif hojii akkasii akka dhiisan akeekkachiiseera. Nageenyi bu’uura misoomaa irraanfatamuu hin qabneedha.

Rakkooleen jiran karaa nagaa fi seeraatiin furamuu qabus jedheera. Humnoonni naannicha keessa socho’uu barbaadan fuldura kan dhaabbatu ta’uu ibseera.

Itti gaafatamanaan paartii badhaaadhinaa damee Amaaraa obbo Girmaa Yashixlaa garee finxaaleyyiitiin Ebla 27, 2023 rasaasaan ajjeefamuun ni yaadatama.

Girmaan murtee humnoota addaa naannoo diiguun gara poolisii naannichaa fi raayyaa ittisa biyyaatti makuu hordofuun hokkorri naannoo Amaaraatti uumame rakkoo bulchiinsaa mootummaa naannichaatti jedhee ture.

DW Afaan Amhaaraa gabaasa isaatiin mana qulaullumma (gadaamii) Malaaka Andinnat jedhamu godina Gojjam Bahaa aanaa Dabra Eliyaas keessatti argamu keessatti waraanni turuu fi lubbuun namoota darbuu addeesseera. Haleellaa godhameen lammileen nagaa hubamuu fi miseensonni humna nageenyaa mootummaa 200 ta’an madaa’uu jiraattota wabii gochuun gabaaseera.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.