Oduu: Bishooftuutti lammiin Ameerikaa tokko moggaasaan Oromoome

Finfinnee Caamsaa 31/2023 – Lammiin Ameerikaa Liyoon jedhamu sirna moggaasa Oromoo magaala Bishooftuu Araddaa Muudaa Dirree Baakkootti gaggeeffameen oromoomfamuu biiroon aadaa fi tuurizmii Oromiyaa beeksise.

Akka ibsa biirichaatti, sirna moggaasaa kana akkaataa Sirna Moggaasa Tuulamaatiin kan raawwatan Abbaan Muudaa Tuulamaa Abbabaa Hayluu yoo ta’an Sirni Tumaa Moggaasaa gaggeessuun maqaa Oromoo “Malkaa” jedhu itti moggaasuun nama lammii Ameerikaa ‘Lyeon’ jedhamu Oromoomsanii ilma guutuu godhan.

Sirna moggaafachaa Liyoon bakka keessummoonni naannoo Oromiyaa fi magaalaa Bishooftuu, Abbootiin Gadaa Tuulamaa, Abbootiin Muudaa, Hawwan Siiqqee fi ummanni baldhaan argamanitti magaalaa Bishooftuu iddoo Dirree Bakkoo Araddaa Muudaa jedhamutti gaggeeffame. 

Sirni moggaafachaa jechuun nama dhalootaan Oromoo hin taane saba Oromootti makamuu barbaadu tokko akkaataa tumaa heeraa fi seera Sirna Gadaa Oromootiin seerri lallabamee fi eebbifamee sirni oromoo taasisuudha.

Hamma yoonaatti lammiileen biyya alaa 4 (lammii Chaayinaa lama, lammii Hindii tokkoo fi liyoon) Araddaa Muudaa Dirree Bakkoo kanatti sirna moggaasaatiin oromoomuun addeeffameera.

Bakka bu’aan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa kan ta’an Obbo Muhammadkiyaar Maahmud miidiyaaf ibsa laataniin sirni moggaasaa kuni Oromoon dhugumaan hammataa qabatamaan agarsiseera jedhe. Oromoon hammataa tahuu kun fakkeenya gaariidha jedhe.

Hoggantuun Waajjira Aadaafi Turizimii Magaalaa Bishoftuu Aadde Gannat gamasheetiin sirni raawwatame duudhaalee Oromoo ganamaa fi calaqqeewwan Sirna Gadaa Oromoo keessaa tokko ta’uu himaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.