Oduu: Jilli sinoodoosii Itoophiyaa Maqalee gale

Finfinnee Adoolessa 10, 2023 – Jilli mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo paatriyaarkii mana amantittii Abuna maatiyaasiin durfamu guyyaa har’aa magaalaa Maqalee gale.

Jilli kuni Hangafa Phaaphaasii Abuna Maatiyaas dabalatee phaaphaasiiwwanii fi jaarsolii biyyaa of keessatti hammate kun wayita buufata xiyyaaraa Raas Aluulaa Abbaa Naggaa ga’anitti hoggantoota Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayiin simatameera. Jilichi pireezidaantii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay obbo Getaachoo Raddaa waliin mari’achuu miidiyaan mana amantaa Ortodooksii gabaaseera.

Siinoodosiin Itoophiyaa hariiroo Tigraay wajjiin qabu sirreessuuf waadaa galuun gargaarsa birrii miliyoona kennuuf waadaa galuunni yaadatama. Akkasumas, mana lubummaa Tigraayii fi hordoftoota naannichaa cinaa dhaabbachuusaatiin sinoodosichi ifatti dhiifama gaafateera. Namoota waraanaan hubamaniif qaqqabuu dhiisuu isaatiin dhiifama gaafateera. Siinodoosichi gargaarsa namooma qarshii miliyoona 20 waadaa galee ture guyyaa har’aa pireezidaantii bulchiinsa yeroo Tigraayitti laatuun gabaafameera.

Waraana kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaaf deemaa tureen walqabatee siinodoosiin Itoophiyaa “ummata Tigraay irratti duguuugga sanyii lallabeera” jechuun hariiroo qabu addaan kutuusaa manni lubummaa Tigraay ibsee ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.