Oduu: IGAD humnoonni Sudaan haal-duree tokko malee waraana akka dhaaban gaafate

Finfinnee, Adoolessa 11/2023 – Humnoonni Sudaan walwaraansarra jiran lamaan waliigaltee waraana dhaabuu mallatteessuun waraana akka dhaaban Mootummoota Misoomaaf Gamtoomanii Baha Afrikaa (IGAD) marii Finfinneetti kaleessa taa’ame booda ibsa baaseen gaafate. 

IGAD humnisaa gara Sudaan seenee nageenya lammiilee nagaa akka tiksu yaadni dhiyaachuu gabaasonni mul’isaniiru. Humni eeggataa Baha Afrikaa gara Sudaan seenuun akka tasgabeessuu fi dhiyeessi gargaarsa namoomaa akkka mijeessuuf waliigalteerra gahamuun gabaasichi addeesseera.

Humnoonni Sudaan walgahii kaleessaarratti hirmaachuu dhabuusaaniitiin gadduu IGAD ibseera.

Oduu biraatiin, gabaasni raadiyoon Dibaangaa tamsaaseen MM Abiy Ahmad jila humnoota siyaasaa sivilii Sudaan erge wajjiin torban darbe keessa simatanii marii taasisuu beeksiseera. 

Jilli kuni bakka bu’oota Sudaan Finfinneetti argaman, dhaabbilee Afrikaa Bahaa fi idiladdunyaa biroo wajjiin mari’atan jedhe. Marii taasisaniin waraanni Sudaan dhaabbachuu akka qabu waliigalteerra gahuu ibsanii ture.

Gaaga’ama Sudaniitti mariidhaan furuuf IGAD guyyaa kaleessaa Finfinneetti guyyaa kaleessaa mari’achuu gabaafnee ture. Maricha kan gaggeesse pireezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo yeroo ta’u humnoonni Sudaanimmoo marii Keeniyaan gaggeesitu hin fudhannu jedhaniiru. Itti aanaa ergamaa Ameerikaa dhimmoota Afrikaa Moolii Fiim walgahii kaleessaarratti hirmaachuu ibsamee ture. 

Pireezidaantiin Eritraa Isaayyaas Afawarqii kan affeeramee ture ta’us maricharratti kan hin hirmaanne ta’uu naa ibseera jechuun miidiyaan Sudaan SudanTribune gabaasee ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.