Oduu: Gondaritti lammiin Israa’el tokko ukkaamfamuu Ministeerri Dhimma Alaa Israa’el beeksise

Finfinnee, Adoolessa 12/2023 – Lammiin biyya Israa’el tokko Naannoo Amaaraa, Gondar keessatti jalaa ukkaamfamuu Ministeerri Dhimma Alaa Israa’el beeksise. Ibsa Ministeerichi baaseen odeeffannoo lammiin Israa’el kun naannoo Godaritti ukkaamfamuu addeessu Wiixata darbe isa qaqqabuu ibseera. 

Akka Ministeerichi beeksiseen Lammiin Israa’el umriin isaa 70ootatti tilmaamame kun qaamolee maallaqa barbaadaniin kan ukkaamfame yoo ta’u, guyyoota muraasa dura gara Gondar imale. 

Nama kana gadhiisisuuf dipplomaatotni humnoota nageenyaa naannichaa fi Intarpool waliin qindoominaan hojjechaa akka jiran Ministeerri Dhimma Alaa Israa’el ibseera.

Intarpooli fi humnoonni nageenyaa naannichaa isa gadhiisisuuf yaalii taasisaniin maallaqa gaafatamuu gabaafameera. Maallaqni jalqaba gaafatame miiliyoonaan  yoo ta’u, marii boodarra taasifameen gara kumaatamoota gadi bu’uu gabaasni miidiyaalee Israa’el addeesseera. 

Lammiin Israa’el kun ergaa sagalee maatii isaatti ergeen, “na gargaaraa, bosona gidduun argama, roobni natti roobaa jira, waan ani amma keessa jiru diina koof illee hin hawwu,” jechuu gabaafameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.