Oduu: Gamtaan Afrikaa qorannoo sarbiinsa mirgootaa Tigraayitti raawwataman irratti godhamu adeemsa ifa hin taaneen addaan kute

Finfinnee, Adoolessa 12/2023 – Komishiniin Mirgoota Namoomaa Gamtaa Afrikaa komishinii sarbiinsa mirgoota naannoo Tigraay keessatti raawwataman akka qoratuuf hundeesse ture adeemsa ifa hin taaneen akka hojii dhaabu taasisuu ibsame. 

Komishiniin hojii dhaabe kun komishinii jalqabaa Itoophiyaa keessatti waraana waggoota lamaaf gaggeeffame hordofee sarbiinsa mirgoota raawwataman qorachuuf hundeeffame ta’uu ni yaadatama. 

Qorannichi akka addaan citu taasisu dabalataan komishiniin gamtichaa fuula marsariitii isaarratti dhimma sarbiinsa mirgaa ilaalchisee odeeffannoo laatu dhabamsiisuu beekameera.

Gamtichi komishinii dhiittaa mirga namoomaa Tigraay keessatti raawwataman qorachuuf hundeeffame qorannoo gaggeessu akka addaan kutuuf murtee dabarse baatii tokko dura ta’uus eerameera. Komishinichi erga hundeeffamee kaasee gabaasa tokkollee hin maxxansine.

Gamtichi dhiittaa mirga namoomaa Tigraay keessatti raawwatame qorachuuf waggaa lama dura komishinicha hundeessuun isaa ni yaadatama. Yeroo sanatti mootummaan Itoophiyaa hundeeffama komishinichaa akka mormu ifatti beeksise ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.