Oduu: Abbootiin Mana Amantaa Ortodoksii Tigraay dhuma torbee kanaa irratti muudama phaaphaasotaa akka gaggeessan beeksisan

Angafa Phaaphaasota Tigraay (Suuraa: Tigray TV)

Finfinnee, Adoolessa 12/2023 – Abbootiin amantaa Ortodoksii Tigraay, Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Tigraay jedhamuu haaraa hudeessuu isaanii beeksisaniiru. Manni kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa irraa adda bahee akka haaraatti hundeeffamee kun ta’umsi isaa Kasaate Birhaan Salaam ta’uu ibsameera. Haaluma walqabatuun abbootiin Ortodoksii Tigraay phaapahsoota muuduuf akka jedhan beeksisaniiru.

Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tigraay Adoolessa 16, 2023 phaaphasoota 10 muuduuf akka jedhu xalayaa miidiyaaleef ergeen beeksiseera. Muudamni phaaphasummaa namoota kudhan kun magaalaa qulqulluu Aksuumitti taasifamuuf akka jedhu eerameera. 

Kunis wal-qoqqoodinsa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahdoo Itoophiyaa keessatti bal’achaa dhufe furmaata osoo hin argatiin tarkaanfii fudhatameedha. 

Jilli Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa qulqullummaa isaanii Abuna Maatiyaas 1ffaan durfamu Kibxata darbe Finfinnee irraa garaa Maqaaleetti imalanii hoggantoota mana amantaa Ortodoksii Tigraay waliin marii taasisuuf yaalaniis walarguuf osoo hin milkaa’iin deebi’uun isaanii ni yaadatama. 

Daawwannaan kun kan yaadame marii araaraa Qulqulluu Sinodoosii Finfinnee fi Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tigraay lola waggoota lamaan naannoo Tigraay keessatti gaaga’ama guddaa geessise hordofuun hariiroon isaanii addaan citee ture gidduutti taasifamu jalqabuuf ture. Hoggantoonni Waldaa Ortodoksii Tigraay “waraana duguuggaa sanyii ummata Tigraay irratti labsame” deeggareera jechuun Sinodoosii Itoophiyaa komachuun hariiroo waliin qaban addaan kutuun Manni Qulqullummaa Salaamaa Kasaate Birhaan akka hundeeffamu taasisan. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.